Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shagar aanaa Gooroo keessaatti waraannii faashistii PP qeerroo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeessan

Kibba lixa Shagar aanaa Gooroo keessaatti waraannii faashistii PP qeerroo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeessan.

ONM-ABO Fulbaana 24,2022 Gareen maafi’aa PP maqaa garaagaraa ilmaan Oromootti maxxansuun qabanii hidhuun seeraaf osoo hin dhiyeessin seera impaayeritti fi idil addunyaa cabsuun Oromiyaa bakkoota hedduu keessaatti mana hidhaati baasee ajjeessaa jira.

Haalumaa kanan Fulbaana 19,2022 Wiixata darbe godina kibba lixa Shagar ona Gooroo ganda Doogamaa Dambii keessatti qeerroo Bushaanaa Bulloo jedhamu yakka tokko malee ergaa qabanii mana hidhaatti darbanii booda guyyaa tokko booda Fulbaana 20, 2022 Kibxata halkan sa’a 9:00 akka lakkoofsa impayerattiitti mana hidhaatii baasuun ajjeessanii akka gatan jiraattootni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Qeerroo Bushaanaan nama siyaasa kam keessaayyuu qodaa hin fudhanne ta’uu jiraattootni himuun ,gochi kun godinaalee fi aanoota Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti jabaatee murna shororkeessa Bilxiginnaan rawwaatama akka jiru dabaaluun ibsaniiru.

Exit mobile version