ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023
Ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessaa badii tokko malee waraana sirnichaan bakka hojii dhuunfaa isaanii, daandii gubbaa fi bakkeewwan bashanaanaatti qabamuun yakka tokko malee hidhamuu irra darbanii halkan mana hidhaatii baafamuun waraana fashiistii Abiy Ahimediin ajjeeffamaa jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii keessatti Waxabajjii 9, 2023 halkan irraa qerroowwan afur mana hidhaatii baasuun ajjeessanii reeffa isaanii maatii dhorkachuun awwaalcha dhabanii bineensaan nyaatamaa jiru.
Qeerroowwan arfan mana hidhaatii baafamuun ajjeefaman kun, Asaabaa Tarreessaa, Abarraa Qaansee, Zarihuun Garbee fi Haftaamuu kan jedhaman yoo ta’an, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun qabanii waajjira poolisii ona Midaa Qanyiitti hidhuun turtii guyyaa muraasaa booda mana hidhaatii baasanii ajjeessanii gatuu jiraattotni himan.
Qeerroowwan kun bakka hojii idilee isaaniitii qabamuun osoo hirmaannaa Siyaasaa kamiyyuu hin qabaatin hidhamuun, mana hidhaatii baafamuun bifa suukkanneessaan ajjeefamuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

