Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa onaa Eebaan Arsii keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi mana hidhaatii baasanii ajjeessani gatuun hammaate

Godina Arsii lixaa onaa Eebaan Arsii keessatti ilmaan Oromoo hidhuu fi mana hidhaatii baasanii ajjeessani gatuun hammaate.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Gareen fashistii PP Oromiyaa cufaa keessatti waraana isa bobbaasun ilmaan Oromoo badii tokko malee qabee hidhuun, yeroo barbaadetti ammoo mana hidhaatii baasee ajjeesse gatuu goleewwaan Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti raawwacha jira.
Akkan kanan godina Arsii lixa onaa Eebaan Arsii ganda Argadda Shaddoo keessaa Onkoloolessa 1,2022 dargaggoo Hirphaa mi’eessoo kan jedhamu baatiilee hedduuf ergaa mana hidhaatti daraara turanin booda haalkan dhoksaan mana hidhaatii baasuun bosonaa keessatti akka ajjeessaani gatan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himan.
Dargaggoo Hirphaa maatiin isa ergaa mana hidhaatii dhabanii hordooffi tasisaanin guyyaa lama booda reeffi isa bosonaa keessaa argamuun sirnii awwalcha isa rawwaate jira
Ajjeechaan ona Eeban arsiitti raawwatu ittuma fufuun Onkoloolessaa 4,2022 dargaggoo Wayyaa Badhaasoo Bariisoo jedhamu obboleessa keetu ajaja WBO ti jechuun ganda Sambarroo Rogichaatti ajjeesun gatani jiru.
Oduu biraatin ammoo godinumaa Arsii lixa onaa Eebaan Arsii ganda Argadda Shaddootti torbee darbee keessaa ilmaan Oromoo badii tokko malee mana hidhaatti dararama jiran kan maqaa arganne Musayyaan Damee fi Ismaa’el Quufaa dabaalate ilmaa Oromoo hedduun mana hidhaa onichaatti gidirfaama jiraachu maddeen dabaalun addessaan

Exit mobile version