Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar onaa Cobiiti waraannii fashistii Abiyii Ahmed qeerroo tokko yoo ajjeessaan magaala Amboo keessatti ammoo dargaggoota humnaan qabuun gara adda waraanati erga jiru

Lixa Shaggar onaa Cobiiti waraannii fashistii Abiyii Ahmed qeerroo tokko yoo ajjeessaan magaala Amboo keessatti ammoo dargaggoota humnaan qabuun gara adda waraanati erga jiru

ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Waraannii faashisti bilxiginnaa Oromiyaa cufa keessatti bobba’uun laga fi ganda qaxxaamuran hundaa keessatti ilmaan Oromoo adamsee ajjeessuun guyyaa guyyaati qe’een ummata Oromoo gaddan rukkuutamun ilmaan isaf imimmaan dhangalasa olaa

Haaluma kanan murni ilmaan Oromoo ajjeessuu hojii idileesaa godhatee bilxiginnaan lixa Shaggar onaa Cobii ganda Dirree Qabannaati onkoloolessa 5, 2022

Jallaata Baqqalaa jedhamuu badii tokko malee erga qabanii booda rasaasan rukkuutani akka ajjeessaan maddeen arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan

Qeerroo Jallaatan hojii dhuunfaa fi maatii isaf deggersa gochuu malee nama hirmannaa siyaasa kam keessaayyuu hin qabne yoo ta’uu,hawaasii naannoo fi hiriyootni isa namuusa qabaachuu isa himuun yakka tokko malee sirnaa nama nyaata waraana bilxiginnaan ajjeefame jechuun qalbii gaddan guutamen dubbatan.

Oduu biraatin lixa Shaggar magaala Amboo keessatti Onkoloolessa 7, 2022 dargaggoota humnaan ukkaamsaani gara adda waraanati ergaa jiraachu fi maatii dargaaggotaa kanarraa ilmaan keessaan isiniif gadi lakkisnaa jechuun gowwomsun mallaqa samaa jiru.

Exit mobile version