Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabaa Shaggar onaa Warraa Jaarsootti waraannii shororkessaan PP qonnaan bulaa tokko ajjeessuu jiraattotni dubbatan

Kaabaa Shaggar onaa Warraa Jaarsootti waraannii shororkessaan PP qonnaan bulaa tokko ajjeessuu jiraattotni dubbatan.

ONM- ABO Onkololeessa 8, 2022 Abiy Ahmed erga gara aangootti dhufee daandii koloneeffattootaa impaayera Itoophiyaa duraanii hordoofun fi tooftaa Minilik itti ilmaan Oromoo cabsa ture qabachuun guyyaa guyyaan lubbuu ilmaan Oromoo baasu fi duguugaa sanyii rawwaacha jira

Gareen ilmaan Oromoo ajjeessuu ,hidhuu fi qe’ee irraa godaansisu malee impaayeratti keessatti nagaa buusuf filannoo hin qabnee bilxiginnaan, kaabaa Shaggar onaa Warra Jaarsoo ganda Walee Cilaallo keessatti onkoloolessa 5,2022 qonnaan bulaa obbo Darajjee Fayyee nama jedhamuu waraanni Fashistii Abiyii Ahmed gara lafina tokko malee akka ajjeessaan jiraattotni onaa Warra Jaarsoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Obbo Darajjeen abbaa maatii yoo ta’uu hojii qonnaatin maatii isaa jiraachiirraa kan hafee hirmannaa siyaasa kamiyyuu akka hin qabne jiraattotni himuun , yakka tokko malee Oromummaa isa qofaf ajjeefame jechuun diinumma bilxiginnaa daanga darbe kana komatan.

Exit mobile version