Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraannii fashiisti abiyii Ahmed kaabaa shagar onaa kuyyuu keessaatti dargaagoota afur ajjeesse

Waraannii fashiisti abiyii Ahmed kaabaa shagar onaa kuyyuu keessaatti dargaagoota afur ajjeesse

ONM-ABO onko 26, 2022

Ilmaan oromoo hidhuu ,ajjeessuu Fi qe’eerraa buqqisu akkasumaas saamiicha irraatti rawwaachuu Akka ulaagaa bulchinsatti Kan itti fayyadamu sirnii bilxiginnaa ,gocha badii Isa kanarraa osoo hin dhabbaatin itti fufee Jira. Kalessaa onkoloolessaa 25, 2022 godina kaabaa shagar onaa kuyyuu keessaatti dargaagoota afur qarqara magaala kuyyuu bakka qarree kuraa jedhamuti badii tokko malee ajjeessuu jiraattotni himan Dargaagonnii ajjeeffaaman kunneen Maanee, Solomon,bokii Fi wakjira yoo ta’uu,hanga gabaasni Kun qindaa’eti reffii dargaagoota Kana Akka lafa hin kafamne gochuun awwaalcha dhorkanii jiraachu Arraatni biyyoolessaa oromiyaa Odeeffaateraa. Akka Jiraattotni onaa kuyyuu arraata Biyyoolessaa oromiyaati Himaniti, dargaagoonni Kun magaala kuyyuu rraa osoo maatiif meeshaale mana keessaa bituf demanii jirani Daandii irraatti Akka ajjeeffaman dubbaachun,gocha duguuga sanyii Waraanni sirna bilxiginnaa guyyaa guyyaan nurraatti waan rawwaacha jiruf falmannee sirnicha hundeen buqqisu qabna Kan jedhan jiraattota onaa kuyyuuti

Exit mobile version