Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyu Tuqaa keessatti murni bilxiginnaa hiraarsaa ummarran gahu akkan jabeessuu jiraattoonni dubbatan
(ONM-ABO Onk 11, 2022)
Gareen maafiyaa impaayera Itoophiyaa umurii impayerattii dheeressuuf ilmaan Oromoo reebuu ,hidhuu, Saamuu fi dirqiin ukkaamsun gara adda waraanitti erguu akkuma itti fufanitti jiru.
Onkoloolessaa 9, 2022 godina baha Wallaggaa ona Waayyu Tuqaa ganda Bonayya Moloo keessa socho’uun dabballoonnii sirna pp waraana isaani ofduuba hiriirsuun gandicha keessatti jiraattoota darara turan.
Dabballoonni pp kun maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun uummata yoo doorsisan maqaa deggersaanis mallaqa funaannacha turuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru jiru.
Ittuma fufuun daa’imman umuriin isaani waraanaaf hin geenye, dargaggoota, abbooti maatii akkasumas namoota qama hirdhuulle osoo hin hanbisin ukkaamsun gara adda waraanitti ergaa jiraachuu jiraattoonni dabaluun ibsaniru.
Impaayerrii suphamtuu hin jirtu waan ta’eef ummatni Oromoo tokkumman waraana bilisummaa Oroomo cina hiriiruun kufaatii impaayeratti saffisiisuu qaba kan jedhan jiraattota ona Waayyu Tuqaati.
Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyu Tuqaa keessatti murni bilxiginnaa hiraarsaa ummarran gahu akkan jabeessuu jiraattoonni dubbatan

