Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godinaa Baha wallaggaa onaa Nuunnoo Qumbaatti halleellaa xiyyaara uummata nagaa irraatti raawwatameen namootni madaa’an

Godinaa Baha wallaggaa onaa Nuunnoo Qumbaatti halleellaa xiyyaara uummata nagaa irraatti raawwatameen namootni madaa’an.

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2022 Faashistichi Abiy Ahimed lolaa lafootiin waraana bilisummaa Oromoo dadhabee halleellaa qilleensa irraan xiyyaara nama maleeyyii fayyadamuun Oromiyaa bakkoota tokko tokkotti raawwachaa jiruun miidhaa lubbuu fi mancaatii qabeenya uummaata irraan ga’u itti fufee jira. Kaleessa Onkoloolessaa 21, 2022 waaree booda godina baha wallaggaa ona Nuunnoo Qumbaa bulchiinsa magaala Adaareetti murni bilxiginnaa halleella diroonii waraanaan boombii gubbaa gadi darbateen qabeenyaan uummataa barbaada’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti namootni sadii madaa’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera. Namoota halleellaa kanan madaa’an keessaa kan maqaa arganne nama Carraa Geetaachoo jedhamuu akka ta’ee fi namootni biroon haleellaa kanaaf saaxilaman jiraachuu jiraattootni dubbataniiru. Murni bilxiginnaa kun Onkoloolessaa 19, 2022 lixa shagar ona metta Walqixxee keessaattis halleella xiyyaara raawwateen lubbuu namoota 14 ol dabarsuu fi qabeenyi barbaada’uu gabaasnee turre.

Exit mobile version