Haleellaa xiyyaaraa murni bilxiginnaa lammiilee nagaa godina lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii irratti fudhateen namootni ajjeefaman 90 fi madaa’an 75 ga’uun barame.
ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Gareen faashisti Abiy Ahmad waraana naatoo ummataaf hin qabne uummatatti bobbaasuun hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa raawwatuun cinaatti haleellaa xiyyaara nama maleeyyii fayyadamuun boombii uummata nagaa irratti samii gadi darbuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafachaa jira. Tarkaanfii waraanni bilisummaa Oromoo onoota Oromiyaa keessaa diina qulqulleessuu eegaleen Sadaasa 2, 2022 godina lixa Wallaggaa ona Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa irratti WBO’n tarkaanfii fudhateen diina magaalicha qubatee ture haleeluun onicha guutuun guutuutti to’annoo isaa jala galche. Tarkaanfii kanatti baaraaguun murni bilxiginnaa uummata magaalaa Biilaa irratti guyyuma sana waaree booda hallellaa xiyyaara nama maleeyyii fayyadamuun boombii itti darbataniin lubbuu jiraattota hedduu galaafachuun kaanis madoo taasisanii jiru. Haleellaa xiyyaaraa diroonii jedhamu kanaan jiraattoonni magaalaa Biilaa namootni 90 yoo ajjeefaman, namootni 75 ammoo madaa’uun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Namootni lubbuun darbanis ta’e haleellaa xiyyaaraa kanaan madaa’an lammiilee tuttuqa siyaasaa hin qabne yoo ta’u, namootni madaa’anii jiran yaala ga’aa argachuu dhabuun rakkachaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

