Haleellaa xiyyaara waraanaa murni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuutti fudhateen daa’imni tokko du’uun namootni 8 madaa’an.
ONM-ABO Sadaasa 1,2022 Murni bilxiginnaa irree jabaa waraanni bilisummaa Oromoo kaleessa Onkololeessa 31,2022 ganama irraa qabuun ona Mana Sibuu dabalatee aanota sadan Najjoo gadii irratti agarsiisuun baarudaan macheessee rasaasaan harcaasetti rifachuun kaleessuma galgala irraa ka’uun haleellaa xiyyaara waraanaa nama maleeyyii diroonii jedhamu fayyadamuun boombii darbataa jiruun lubbuun namootaa fi qabeenyi ona Mana Sibuu keessatti miidhamaa jiraachuun barameera.
Haleellaa Xiyyaara waraanaa ganama kana Sadaasa 1,2022 ona Mana Sibuu magaalaa Waamaa Toobbaraa ganda 01 keessatti murni bilxiginnaa halkan gara barii toora sa’a 11:00 irratti taasiseen daa’ima 1 ajjeefamuun 8 madaa’aniiru.
Daa’imni ganna 9 haleellaa diroonii faashisticha Abiy Ahimediin ajjeefame kun maqaan isaa Bashoo Sheek Eleman kan jedhamu yoo ta’u kanneen madaa’anii kilinika fayyaa namaa naannoo isaanii jirutti yaalamaa jiran ammoo Eliyaas Abdulqaadir, Sheek Jaafar Kadir Atoomsaa, Mujaahid Kadir, Naazif Ahimed, Zamiiraa Adam, Qaasim Nagaasaa, Qannoo Jireenyaa fi daa’ima waggaa 8 Zaakir Selemaan kanneen jedhamanii dha.
Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa nama maleessaa fi miigiiwwan fayyadumuun kaleessaa kaasee boombii darbateen qabeenyi namoota nagaas barbadaa’ee waan jiruuf miidhaa qabeenyaa mudates akkaataa odeessa qulqulleeffanneen qabannee isiniif dhiyaanna.
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa injifannoo waraanaa WBOn diina irratti argate balballoomsuuf jecha miidhaa uummata qulqulluu irratti qaqqabe hin dhoksu.

