Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti murni bilxiginnaa marsaa afur haleellaa xiyyaara waraanaa uummata gabaa ba’e irratti raawwachuun miidha guddaa qaqqabsiisuun dhagaa’ame

Lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti murni bilxiginnaa marsaa afur haleellaa xiyyaara waraanaa uummata gabaa ba’e irratti raawwachuun miidha guddaa qaqqabsiisuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Sadaasa 9, 2022 Murni yakka waraanaa Ilmaa Oromoo irratti raawwachuun barcuma siyaasa isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru bilxiginnaan haleellaa xiyyaara waraanaa geggeessuun jumlaan lammiilee nagaa fixuu fi qabeenya barbadeessuu itti fufee jira.

Haala kanaanis har’a Sadaasa 9, 2022 waaree booda toora 8:00 irratti humni qilleensaa bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamu fayyadamuun godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Mandii ganda 02 bakka adda maqa buufata konkolaataa Mandii iddoo lama irratti raawwatee jira.

Iddoowwan lamaan kunis Teelee fi uummata gabaa dhaqaa ture akkasumas gabaadhaa galaa ture irratti boombiin samii gadi darbatame kun kan bu’e yoo ta’u bakki biran maqa Daalattii naannoo bulchiinsa magaalaa Mandiitti akka raawwate odeessi achii ba’e ni addeessa.

Haleella marsaa afur raawwate kanaanis hanga gabaasni kun qindaa’etti lammiilee nagaan 15 ol yoo du’an namootni 10 ol madaa’anii jiru.

Murni faashistii Abiy Ahimed haleellaa xiyyaaraa waraanaa lammiilee nagaa Oromoo irratti bifa haaraan Onkololeessa 19, 2022 eegaleen lubbuun namootaa jumlaan dhumaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version