Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti Waraanaa fi kaabinoota murna bilxiginnaaf jecha hojii akkatti hojjannu dhabnee rakkachaa jirra jedhan jiraattootni.
ONM -ABO Onkoloolessa 22, 2022
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti namoota nagaa hojii idilee isaanii hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan kaabinoonni fi waraanni sirnichaa gufuu itti ta’uun sababa tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun namoota hedduu reebuu fi akka nagaan hojii isaa hin hojjanne gocha jiru. Akka jiraattootni tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti namootni karaa irra baayatanii deemu hin danda’an, karaa mooraa waraanaa qaxxaamuraa yoo jiraatte sababa maaliif asiin dhufte jechuun reebichaa fi akka waan sakkattaa geggeessanitti bilbilaa fi Maallaqa namoota harkaa saamaa dabarsuu himan. Kana malees namni dhukkubsatee yoo halkan mana yaalaa deemes yeroo malee deemtan jechuun qabanii mana yaalaa hanqisuun mooraatti erga dararaniin booda maatii fi firoottan kadhaa akkasumas maallaqa kafalaniifii akka fudhatanii mana yaalaa geessan taasisu. Gandoota magaalaa Baakkoo keessatti milishoota sabaan Amaaraa ta’an leenjisuun hawaasatti kan bobbaaasan yoo ta’u jarreen namoota sabboonummaa qaban cufa WBO dha jechuun guutumaan guutuutti hawaasa magaalichaa dararaa hamtuu keessa galchuu jiraattootni kun dubbataniiru.

