Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guyyaa lammaffaaf haleellaa Diroonii raawwateen manni barumsaa tokko lixa Shaggar ona Cobii keessatti barbadaa’e

Guyyaa lammaffaaf haleellaa Diroonii raawwateen manni barumsaa tokko lixa Shaggar ona Cobii keessatti barbadaa’e.

ONM-ABO onko 25, 2022
Sirni abdii Muratee fi qarree kufaati irra daaddisu uummata nagaa fi qabeenya hawaasa irratti xiyyeeffachuun haleellaa xiyyaara nama maleessa hammeesse fudhachaa jira. Ji’a Onkoloolessaa 19, 2022 as qofa lixaa fi giddu gala Oromiyaatti irra deddeebiin raawwachaa jira. Haleellaa kanaatiin lubbuun namoota nagaas hedduun bahaa kan jiru yoo ta’u, qabeenyi hawaasaas barbadaa’eera. Onkoloolessa 23,2022 Giddugala Oromiyaa lixa Shaggar aanaa Cobiitti haleellaa hawaasa irratti banteen namoonni nagaan hedduun yoo ajjeefaman dhibbootaan kan lakkaa’amanis madaa’ani yaala dhabuun dabaree isaani du’a eeggachaa jiru. Guyyaa lammaffaaf Onkoloolessa 24, 2022 Aanaadhuma Cobii ganda Hoofuutti haleellaa raawwatteen Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaa Qaalee barbadeesseera. Manni barumsaa kun yeroo dheeraaf barattootni Oromoo itti barachaa kan turanii fi Yeroon booda qubsuma Waraana godhachuun jiraattota naannoo sanaa dararaa kan turte guyyaa kaleessa haleellaa dirooniitiin barbadeessite. Haleellaa diroonii kanaan wal qabatee hawaasni madoo isaa yaallachuus ta’ee wareegama isaani awwaallachuu hin dandeenye. Sababni isaa guyyaadhaan xiyyaarri samii irra waan marsuu fi walitti qabama namaa waan hordofuuf yaaddoo nageenya isaaniif bakka awwaalchaallee dhaquu hanqatee namoota muraasaan mana jireenya ofii irratti awwaallacha jira. Haleellaa yeroo ammaa sirni nama nyaata Abiy Uummata Oromoo irratti dirooni fayyadamuun raawwacha jiru dallansuu cimaa uummata keessatti yoo uumu dhaabbileen garagaraas ibsa baasa jiru.

Exit mobile version