Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee keessatti murni Bilxiginna Uummatni Oromoo Qabeenyaa isaanitti akka Hin Gurguranneef Bakkeewwaan Hojii Isaanii Irrattii cufsiisaa jira

Magaalaa Finfinnee keessatti murni Bilxiginna Uummatni Oromoo Qabeenyaa isaanitti akka Hin Gurguranneef Bakkeewwaan Hojii Isaanii Irrattii cufsiisaa jira.

ONM-ABO onkololessa 31, 2022 Rakkinni Uummata Oromoo isaaf gammachuu kan ta’e murni Bilxiginnaa Uummata Oromoo Bakkeewwaan addaa addaatti diinagdeen dadhabsiisuuf tooftaalee hedduutti fayyadamee ilmaan oromoo dararaa jira.
Murni ilmaan Oromoo maqaa gibiraa fi sababoota garaagaraa ilmaan Oromoo akka diinagdee hin horanne gochuu barbaadu har’as manneen daldalaa hedduu cufsiisaa jira.
Haaluma kanaan Onkololeessa 29, 2022 bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakka addaa Gooroo jedhamutti Girooserii aaddee Sannaayit Dureessaa jedhamtu Oromummaa qofaan yakkuun sirboota warraaqsaa dhaggeeffachiifta jechuun mana isheetti mallattoo samsameera jechuun cufan. Tikootni murna bilxiginnaan humnoota seera kabachiistuu jedhanii fi qaamota seeraa kutaa magaalaa Gooroo itti erganii hojii idilee ishee dhaabsisuun jireenya qaala’e ammaa keessatti akka aadde Sannaayit dararamtu taasisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru. Murni bilxiginnaa magaalaa Finfinnee keessatti rakkoo nageenyaa impayerattii keessatti sababa isaan mudate da’oo godhachuun itti sabboontota saamaa fi miidhaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version