Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii lixaa godina Lixa Wallaggaa ona Lataa Sibuu keessaa diina buqqisuun Qilxuu Kaarraa keessatti ammoo lolaa jira

WBOn zoonii lixaa godina Lixa Wallaggaa ona Lataa Sibuu keessaa diina buqqisuun Qilxuu Kaarraa keessatti ammoo lolaa jira.

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii diina boochisu fudhachuu itti fufuun godina lixa Wallaggaa ona Lataa Sibuu keessatti ganama kana tarkaanfii fudhachuun buqqisee jira.

Urjiiwwan sabaa WBOn zoonii lixaa har’a ganama barii barraaqa sa’a 12:00n itti seenuun magaalattii kan raasee WBOn diina du’aa fi madoon adabee, meeshaalee irraa booji’uun gugsee magaalaa keessaa baasuun aanichaa dhuumfatee jira.

Lolli kun godinichuma keessa aanaa Qilxu Kaarraa keessattis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo diina hurgufaa waan jiruuf akkaataa xumurameen walitti deebina.

Eegdota impaayera Itoophiyaa lafa Oromiyaa keessaa buqqisuun jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version