Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn lixa Oromiyaa adda waraanaa sadii irratti diina du’aa fi madoon adabaa jira

WBOn lixa Oromiyaa adda waraanaa sadii irratti diina du’aa fi madoon adabaa jira.

ONM-ABO Sadaasa 4, 2022 Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo gabrummaa hundeen uummata Oromoo irraa buqqisuuf tarkaanfii  laalessaa waraana faashistichi Abiy Ahimed maallaqaan bitee bobbase irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Tarkaanfii  guggubduu  WBOn Wiixata darbe Onkololeessa 31, 2022 irraa qabuun lixa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa onoota adda addaatti fudhachuun aanota 6 bilisoomseen booda, humna waraana bilisummaa Oromoo kana dura dhaabbachuuf gareen  dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf of qindeesse, gurgurattootni saba Oromoo bilxiginnaan  waraana isaa xiyyaaraan Asoosaatti walitti qabuun kaleessa Sadaasa 3, 2022 irraa qabuun daandii Mandii, Qondaalaa fi Begii geessuun lola banee jira.

Haa ta’u malee abdiin bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi Oromiyaa WBOn kallattii sadanuu, daandii Mandii galchuu danda’u riqicha Daabbus irratti humna weerartuu Asoosaa irraa ka’uun magaalaa Baambaasii qaxxaamuree dhufee ture haleeluun du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa irraa hiikuun duubatti deebiseera.

Lolli kunis bifa gaarii  ta’een ga’umsi waraana bilisummaa Oromoo keessatti mul’achaa fuulduratti tarkaanfataa akka jiru barameera.

Murni abdii hin kutanne bilxiginnaan afaan baatii muraasa dura humna impaayerattiif yaaddoo hin taanedha, diigamaniiruu fi boojineerra jedhetti xiyyaara waraanaa kaasee boombii darbuun cinaatti aanota WBOn dhuunfatee jiru Begii fi Qondaala deebisee qabachuuf lola wal irra hin cinnee banee jira.

Humni WBO kilaashiin meeshaalee gurguddaa daaraa godhuu fi irraa booji’uu itti beekuu gootichi ilmi sabaa, humna naannoo Beenishaangul Gumuz irraan Oromiyaa  aanaa Qondaalaa seenuuf ture ganama kana Sadaasa 4, 2022 rukutee duubatti deebisuun naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa aanaa Toongoo bakka addaa Qashimandoo fi Shaaltaa keessa naannessuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesssuun du’aa fi madoon adabee watwaachisaa jira.

Qaqqaaliiwwan Ilmaan Oromoo jibbitootni gabrummaa WBOn tarkaanfii ergamtoota ilmaan Minilikii fi hojjettoota amanamoo Abiy Ahimed irratti fudhatu itti fufuun ganama  har’aa Sadaasa 4, 2022  lixa Wallaggaa kallattii  Begiin bulchiinsa magaalaa Toongoo kan mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz jala jirtuu fi seensa akkasumas bakka kuufama diina taate abidda itti gabbisuun waadaa ture.

Haleellaa jabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo adda waraanaa garaagaraa sadii irratti fudhachaa jiruun humni diinaa hedduun du’aa fi madoon yoo adabamu meeshaalee waraanaa hedduunis irraa hiikameera.

Lola geggeeffamaa jiru jala buune hordofuun isiniif dhiyeessina.

Tarkaanfiin ergamtoota Minilikiin Oromiyaa keessaa buqqisanii biyya Oromiyaa hundeessuu itti fufa!

Injifannoon uummata Oromoof!

Exit mobile version