ONM-ABO Muddee 24, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lootee seentota dirree qabsootti bobbaatee fi gantoota of keessaa erga qulqulleesseen booda haaromsa siyaasaa fi waraanaa miseensota WBOf kennuun guyyaa har’aa ganama Muddee 24, 2024 irraa qabee Duula Cichoomina Kaayyoo labsuun tarkaanfii laalessaa mooraa waraana faashistii PP Oromiyaa bakkoota adda addaa jiran irratti fudhachaa jira.
Haala kanaanis tarkaanfii boonsaa ganama barii WBOn Zoonii Lixaa Birgeediin Odaa Kaaraa godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo irratti fudhatee jira.
Aanaa Gullisoo keessatti tarkaanfii magaalaa aanichaa Gullisoo, bulchiinsa magaalaa Calliyaa, Waayyuu Mannii, Laga Uwwaa fi bakka addaa Suuqii Fodee jedhamtu keessatti fudhateen waraana maafiyaa Abiy Ahimed hedduu du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkatee qabeenya Bilxiginnaa hedduus barbadeessee jira.
Jajjabeen WBO Duula Cichoomina Kaayyoon Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Jaalallee keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Birgeediin Soonsaa waraana faashistii PP adabee jira.
Bahuma Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa keessattis irre fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii boonsaa fudhatee jira.
Abdii fi gaaddisni Oromoo WBOn Zoonii Harsadee keessatti tarkaanfii laaleessa fudhachuun injifannoo cululuqaa waraana Abiy Ahimed irratti galmeessee jira.
Keessayuu tarkaanfii laalessaa Baha Shaggar aanaa Boosat magaalota akka Doonii, Boolee fi Bofaa keessatti tarkaanfii laalessaa tiksitoota impaayera Itoophiyaa irratti fudhateen magaalaattii keessaa faashistoota PP ari’uun yeroof dhuunfatee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
WBOn Zoonii Kibbaa Korommiiwwan Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Sorooroo Malkaa Jawwee keessatti waraana faashistii PP irratti tarkaanfii jabduu fudhateen diina du’aa fi madoon adabee jira.
WBOn Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Cibraan Hasan Ammee lola jabaa geggeesseen diina du’aa fi madoon adabee jira.
WBOn godina Walloo keessatti jalbultii Duula Cichoomina Kaayyoo Dilbata eegaleen hanga guyyaa har’aa walitti fufiinsaan ergamtoota Abiy Ahimeditti adaba tolchaa jiraachuun barameera.
Murni Bilxiginnaa WBO balleessineerra fi galaniiruun of jajjabeessuu sobaa hololus jabaan abbaa kaayyoo cichaan toora qabsoo baataan imaanaa goototaa har’as irree isaa jabaa irratti agarsiisaa jira.
Kan nama dhibu ammoo Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ajaja tokko jalatti tokkummaan zoonii hunda irraa itti dhukaasuun sabaaf haamilee diinaaf yaaddoo ta’uu yeroo agarsiisettii dha.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa Zooniilee cufa keessatti waraana faashistii PP adabaa waan jiruuf gabaasa guutuu fi ragaalee isaa akkaataa nu qaqqabeen kan isin biraan geenyu ta’a.
Tarkaanfiin WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufu!
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni bilisoomti
Horaa horaa bulaa deebanaa
#DuulaCichoominaKaayyoo
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

