Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar ona Ejersa Lafoo keessatti murni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota nagaa hidhuu hammeessan

Godina Lixa Shaggar ona Ejersa Lafoo keessatti murni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota nagaa hidhuu hammeessan.

ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Dachee Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo nagaan ba’ee galuu erga dadhabee bubbuleera.
Keessaayuu waggoottan arfan darban ilmaan Oromoof yeroo hamaa, yeroo itti akka namaatti jiraachuu, socho’uu fi of ibsuu hin dandeenye keessa jira. Maqaa bilxiginnaan aangootti dhufuu aanga’oota OPDO durii booda dararaan Oromoo daran kan hammaate yeroo ta’u murni kun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabduu fi ni shakkamtuun har’as badii tokko malee godina lixa Shaggar ona Ejersa Lafoo keessatti namoota nagaa hidhanii dararaa jiru. Namoonni aanaa Ejersa Lafoo keessatti baatiilee hedduun yakka tokko malee hidhamanii jiran kun Biraanee Caalaa, Dinaabaa Dandanaa, Dandanaa Dirribaa, Tolanee Magarsaa, Gammadaa Damee, Jifaaree Taaddasaa, Dajanee Atoomsaa, Dalasaa Baqqalaa, Mootummaa Hirphaa, Gurmeessaa Dhaqqabaa, Magarsaa Dhaqqabaa, Gannat Tasfaayee, Ashannuu Bayyanaa, Geetuu Gurmeessaa, Baqqalaa Warqinaa, Kabbee Abarraa, Buttaa Girmaa, Huseen Bulii, Baqqalaa Damee, Taaddasaa Kabbadaa, Tolasaa fi kanneen biroo hedduun buufata poolisii aanichaa magaalaa Oolankomii jiru keessatti dararaa argaa jiru. Namootni waanti isaan hidhamaniif osoo seeraan itti hin himamin shakkii qofan mana murtiitti dhiyaatanii osoo murtii hin argatin baatii hedduuf hidhaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru

Exit mobile version