WBO’n Kaaba Shaggar Ona Darraa Keessatti diina du’aa fi madoon adabuun, hidhamtoota bilisa baase.
ONM – ABO Sadaasa13,2022
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Saggar keessa sosso’u, tarkaanfii barii har’aa, sadaasa 13, 2022 Kaaba Shaggar Aanaa Darraa, Magaalaa Gudoo – Masqeliitti cabsee seenuun tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhateen diina madoo fi du’aan adabee gussee keessaa baasuun, meeshaalee waraanaa gosa-gosaa booji’uun Oromoota Oromummummaan yakkamanii hidhaa turanis mana hidhaa cabsuun guutuutti bilisa baasee jira.
Guutuu tarkaanfii kanaaf walitti deebina, ammatti WBO’n achuma jira, Uummanni keenyi gammachuun miira keessa seenee walitti qabamee magaalaa keessatti dhiichisuu irraa akka of qosatu, daandii irraas gara manaattiifi gaaddisa mukeen gurguddootti goruun ija diroonii jalaa nama qaba, namuu bakka jirutti of haa tiksu jechaa guutuu injifannoof walitti deebna !
Injifannoon Uummata Oromoof !

