Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Shaggar Aanaa Dagam Magaalaa Hambisoo seenuun tarkaanfii laalessaa fudhateen hidhamtoota guutummaatti hiikuun diina du’aaf madoon adabuu beeksise

ONM ABO, Sadaasa 19, 2023

Gootichi abdii sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa humna diinaa irratti fudhachuu itti fufuun, Kaaba Shaggar Aanaa Dagam magaalaa Hambisoo seenuun diina du’aafi madoon adabuun kan hafte magaalaa keessaa ari’ee baasuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii fudhate kanaanis meeshaalee lolaa Laawuncharii tokko dabalatee Qawwee AKM 150, boombiilee harkaafi hidhannoo waraanaa heedduu diina irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Hidhamtoota siyaasaa, Oromummaan uakkamuun hidhaman guutummaatti mana hidhaatii bilisa baasuun, kanneen mana hidhaa keessatti reebichi hamaan irratti raawwatamuun qaamaa hir’atanillee uummanni itti yaa’ee baadhatee deemuu odeessi Ajajaa Waraanaa naannichaa irraa arganne ni mirkaneessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version