Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Kaaba Shaggar keessatti tarkaanfii fudhateen ooraalii 2 fi paatiroolii 1 barbadeesse

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Kaaba Shaggar keessatti diina adabuu itti fufe.

Haaluma kanaan kaleessa ganama Fulbaana 21, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam daandii cirracha gurraacha Finfinnee fi naannoo Amaaraa wal quunnamsiisu magaalaa Hambisoo fi Shanoo gidduutti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis waraana Abiy Ahimed konkolaataa Ooraalii 2 fi Paatiroolii 1’n socho’aa turte rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun hedduu du’aa fi madoon adabuun Ooraalii 2 gubee yoo barbadeessu, paatiroolii tokko ammoo haleelee garagalcheera.

Waraanni faashistii PP kun uffataa fi kophee waraanaa mooraa isaaniitti geessaa kan turte yoo taatu, uffaatichaa fi kophee guutummaatti irraa dhuunfachuun qawwee fi hidhannoo hedduu waliin dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Murni Bilxiginnaa injifannoo WBO irratti nan argadha jechuun duula lolaa torbanoota 3’n darbaniif addatti godinicha keessatti bananis irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n deebii barbaachisaa kennuufiin kasaaraan rukutaa jira.

Guutuu gabaasa tarkaanfii WBO Kaaba Shaggar akkaataa nu ga’een isiniif dhiyeessina!

Exit mobile version