Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti konkolaachiftoota nu fe’uu diddan jechuun reebicha irratti geggeessaa jiraachuun barame

Godina Baha Harargee aanaa Baddannoo keessatti konkolaachiftoota nu fe’uu diddan jechuun reebicha irratti geggeessaa jiraachuun barame.

ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Harargee ona Baddannoo magaalaa Baddannoo keessatti kaleessa Sada 14, 2022 abbaa Konkolaataa Maammee Abdurrazaaq jedhamu dirqamaan nu fuudhii gara aanaa Gaara Mul’ataatti nu geessi yeroo jedhanitti sababa konkolaataan kiyya cabee jira jedheef akka malee reebuun miidhaa irraa ga’anii jiru. Ergamtootni koloneel Abiy Ahimed magaalaa Baddannoo keessatti uummata irratti waan barbaadan kan dalaganii fi qaamni isaan dura dhaabbatee argame gatii isaa reebichaa fi hidhaa dha. Qabeenya namootaa saamuu, qoraan namootaa mooraatti fe’achuu akkasumas mana nyaataa fi dhugaatii irra deemuun fayyadamanii hin kafallu jechuun hawaasni daldalaan kasaraa keessa akka galu taasisaa jiru.
Murni afaan qawwee qofaan nama ajejjachuu fi namoota irraa fayyadamuu bare bilxiginnaan yeroo lola kaaba impaayerattii Tigraay keessatti geggeeffamaa tures akkuma kana konkolaataa fi konkolaachiftoota humnaan qabanii garasitti bobbaasaanii kan turan yoo ta’u waan keessaa hin qabnetti qabeenyii fi lubbuun hobba’e danuu ta’uun ni beekama.

Exit mobile version