WBOn godina Lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee to’ate!
ONM-ABO Sadaasa 19, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii aanota keessaa diina gugsee baasuun bulchiinsa aanichaa guutuutti to’achuuf fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Akka kanaanis abdiin sabaa WBOn har’a ganama barii Sadaasa 19, 2022 sa’a 12:00 qabee godina lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee magaalaa aanichaa Dabbasoo keessatti tarkaanfii laalessaa waraana faashisticha Abiy Ahimed irratti fudhateen magaalaa keessaa gugsee baasee magaalaa Dabbasoo guutuutti dhuunfatee jira.
Tarkaanfii waraana bilxiginnaa baaragse fudhatame kanaan WBOn waraana diinaa irraa 65 ajjeese 112 madeessuun 7 jiraa harkaan qabeera.
Gama meeshaatiin qawwee AKMn du’aa fi mana kuusaa irraa argamee 102, rasaasa AKM 6755, boombii 35, uffata waraanaa fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisaniiru.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn magaalaa Dabbasoo seenuutti kan gammadan uummatni Oromoo magaalichaa mana isaanii jala naamusaan dhaabbachuun haamilee ta’aafii turan.
Tarkaanfii WBOn aanoota keessaa diina qulqulleessuus akka itti fufu barameera.
Socchoosni qurxummiin Shaarki bishaan galaanaa irratti godhu dhiibbaa isaa bishaan bakkeetti ba’e cirrachaa fi dhokkee dibatee deebi’u miti dooniiwwanii fi bidiruu illee quba qabu.
Injifannoon uummata Oromoof!

