Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti diina adabuun meeshaa irraa hiikkate

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024 

Irree fi Gaachanni Sabaa WBO’n Zoonii Lixaa Biirgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Afaan Qawwee Buttaan Faana kaayyoo tarkaanfii haxxee fi  mooraa isheetti itti seenuun  fudhateen diina du’aaf madoon adabee irraas hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan Onkolooleessa 13, 2024 Gootichi Abdii Sabaa WBO’n godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Qoreetti barii barraaqaan sa’a 12:30 irratti mooraa isheetti itti marsuun oliif gadi gugsee baaruudaan macheessuun rasaasaan akaayee keessaa baasee Da’annoo isheen keessa teessee uummata hiraarsitu gubee barbadeessuun injifannoon goolabee jira.

Tarkaanfii WBO’n irratti fudhateen oliif gadi facaatee keessaa baqachuun humni dabalataa aanaa Sayyoo Noolee magaalaa Dabbasoo  irraa osoo dhufaa jirtuu humni haxxee irra ture rasaasa itti firfirsuun addaan facaasuun fashalsee jira.

Abdii fi Gaachanni uummataa WBO’n Tarkaanfii humna diinaa irratti fudhate kanaan lukkeelee diinaa irraa 8 battalatti yoo ajjeesu, 10 Ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee 2 jiraa booji’ee jira.

Gama meeshaatiin ammoo AKM 3, hidhannoo 5, uffata waraanaa hedduu fi Galaa ishee akkasumas meeshaa Booddetti hafaa hedduu waliin irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jira.

Exit mobile version