Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa keessatti kaleessa irraa kaasee lola waraana weeratuu irratti geggeessaa jiruun bireenii Sadii fi rasaasa konkolaataa tokko irraa hiike

WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa keessatti kaleessa irraa kaasee lola waraana weeratuu irratti geggeessaa jiruun bireenii Sadii fi rasaasa konkolaataa tokko irraa hiike.

ONM-ABO Sadaasa 27, 2022 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalesssaa waraana weerartuu faashistiicha Abiy Ahimed irratti fudhachuun mooraa keessaa buqqisuu fi meeshaalee waraanaa irraa hiikuu itti fufee jira.

Qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa lola kaleessa Sadaasa 26, 2022 waraana weerartuu godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu irraa aanaa Kombolchaatti walitti qabamuun magaalaa Qobboo kan aanaa Kombolchaa jala jirtu keessaa WBO buqqisanii qabachuuf konkolaataa hedduun karoorfatanii dhufan waaree dura toora sa’a 4:00 irratti itti ba’uun rasaasa akka bokkaa itti roobsuun barudaaan macheesee boombiidhaan bulbuluun waraana diinaa 45 yoo ajjeesu 76 madeessuun magaalaa Kombolchaatti ol deebiseera.

Tarkaanfii laalessaa WBOn waraana bilxiginnaa irratti fudhate kanaan bireena 3, qawwee AKM 50, boombii harkaa 40, rasaasa konkolaataa ISUZU 1 dugda diinaa irraa hiikuun konkolaataa waraana 2 barbadeessee konkolaataa uummataa waraanni bilxiginnaa dirqamaan ittiin dhufan gadhiiseera.

Injifannoo boonsaa guyyaa kaleessaa argate qabachuun abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn waraana bilxiginnaa WBO baqachuun gara magaalaa Kombolchaatti galan waliin seenuun har’a ganama Sadaasa 27,2022 barii sa’a 12:00 eegalee weerartoota lafa Oromoo mooraalee garaagaraa keessatti du’aa fi madoon adabaa jira.

Lolli jabaan waraana bilxiginnaa aanaa Kombolchaa keessaa baasuu itti fufee jira.

Guutuu injifannoo argamee lolaan booda qabannee isiniif dhiyaanna.

Baay’achuu fi tarkaanfii fudhatee aanota keessaa bilxiginnaa buqqisuun WBO bu’a hoggansaa fi deggersa hawaasaa Oromoo qabaachuu ti!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version