Oromoon Maaliif Daguugamaa Jira ❓
Oromoon Maal Dhabee Daguugamaa Jira❓
(Barruu Qeerroo Bilisummaa Oromoon qindeeffame)
Dhumaatii fi gidiraa isarra gahaa jiru caalaatti, Oromoon maal dhabee akka daguugamaa jiru sirriitti beekuu, hubachuu fi irratti xiyyeeffachuu dhabuu isaatu daran nama gaddisiisa.
Oromoon hundi maaliif akka daguugamaa jiru hubateeraa? Lakki.
Maal dhabee ammoo, saba kaaniin gadi ta’ee lafa isaa irratti akka ajjeefamaa jiru beekeeraa? Lakki!
Akka Oromoon maaliif akka dhumaa jiruu fi maal dhabee akka dhumaa jiru, hin beekiin fi hin hubatiin jiru kan nutti agarsiisu,
1) Karoora Weerartootaa duubaan deemee, miidhamtoota isaatiif wacuu malee, waan isatti aggaamame hubatee dursee itti dammaquu dhabuu Oromoo.
2) Yeroo Oromoon kutaan tokko daguugamu, akka waan daguuginsi sun isa hin qaqqabnetti dagatee taa’uu.
Yeroo hedduu, “Sababan Oromoo ta’e qofaaf” (Because I am Oromo) dhaadannoon jettu tokkos sabicha daguutti naqxeetti.
▪️Oromoon, sababa tokko qofaaf daguugamaa jira. Innis lafa magaristuu OROMIYAA irra waan jiraatu qofaaf. Haga Oromiyaa irra jiraatetti, Oromoon hundi dabareen taati malee daguugamuuf deema. Lafichatu ija diinaa keessatti haalaan hawwatame. Garba ta’ee ykn baqataa ta’ee garuu jiraachuu danda’a. Waan Oromoo ta’eef osoo hin taane, sababa Oromiyaarra jiraatuuf dhumaa jira.
▪️ Oromoon sababa waan tokko dhabe qofaaf daguugamaa jira. Innis Mootummaa dha. Mootummaan, Bilisummaa sabaa, Walabummaa fi Birmadummaa biyyaa tiksa. uummanni mootummaa hin qabne, akka horii tiksituu hin qabneeti. Bineensi dabaree dabareen bittimsee nyaatee fixa.
Kanaafuu, Oromoon, lafa magaristuu badhaasa rabbii #Oromiyaarra NAGAAn jiraachuu kan danda’u, Jaarmayaa isaa ABO-WBO faana hiriiruutiin, Mootummaa Ripubilika Oromiyaa kan Dimookiraasii Gadaatiin bultuu ijaarrachuun, Hireemurteeffannaa isaa kabajatee, Saboota Oromiyaa keessa jiraatan fi Biyyoota ollaa Oromiyaa jiraatan waliin walkabajee jiraachuu qofanidha. Kana gochuuf ammoo, qaamota keessaa fi alaan, sirna impaayera itoophiyaa sabicharratti suphan balfuu qaba.
Mootummaa dhabnee, biyya dhabne.
biyya dhabnee, hunda dhabne.
Oromiyaan biyya!
