Waamicha Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan haala yeroo irratti Uummata Oromoof taasise.
(Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 06, 2022)
Yeroon kun yeroo kamiyyuu caalaa Oromoof yeroo yaachistuu fi yeroo akka sabaatti itti fufuufuu balaan
hamaan itti aggaamamedha. Kunis Oromoo qabsiisa kennatanii Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa
keessaa cabsuun shira dalagamee Uummati Oromoo ija addunyaa jalaa dhokfamee ajjechaan yoomillee
irrattii hin raawwatamne irratti ta’aa jiruudha. Kunis Mootummaan Federaalaa Weerara shira guddaa
makate, Tooftaa Waraanicha Waraana waliin waliinii (Sivil War) ittiin fakkeessu bocuun Humnoota
Faannoo Mootummaa Federaalaan daggaramanitti Humnoota Raayyaa Ittisa Biyyaa, Milishaa fi Humna
Addaa Amaaraa itti dabaluun Uummata hidhannoo homaa hin qabne, Lixa Oromiyaatti akka dhuman
taasisaa jira. Kunis daggarsaa fi hayyama Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Waxabajjii 27, 2022 ifatti
Hayyama seerawaa kennuun gaafa Oromiyaatti bobbaasan irraa eegaleeti.
Qaamni bobba’e kun bakkoota garaagaraatti Humnoota Waraana Bilisummaa Oromootiin rukutamee
Uummati baraaramus bakkoota kaanitti garuu Ajjechaa fi Dhumaatii Jumlaa Uummata Oromoo irratti
raawwachuu jabeessee itti fufeera.
Mootummaan Federaalaas Humnoota kanneen daggaruun bakkeewwan Humnooti kunneen
aleelamanitti Uummata nagaa dabalatee Waraanuma Sirnicha Tiksuuf bobbaafamanillee (Humna Addaa
Oromiyaa) Drone’n rukutaa jiraachuun barameera.
Lolli kun lola Uummata addunyaa fi Ijuma Oromoo kutaa biraa jalaallee dhokfamee Oromoo kutaan
qoodanii cabsuuf karoorfame waan ta’eef Oromoon hundiyyuu bakka jiru sirna kana balaaleffachuun
Uummata dhumaa jiru bira dhaabachuu isaa ifatti mul’isuu qaba.
Barattoonni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo, Sadarkaa 2ffaa fi Sadarkaa 1ffaas haala amma itti
jirtan Oromiyaa guutuu keessatti babal’isuun Uummata keessaniif sagalee ta’uun Iji Hawaasa Addunyaa
rakkoo kana akka argu gochuuf ga’ee keessan akka baatan gamanumaan jabeessinee dhaamsa keenya
dabarsina.
Uuumati keenya guyyaa guyyaan dhumaa fi daguugamaa waan jiruuf Lammiilee keenya dhumaa jiraniif
karaalee armaan gadiitiin sagalee ta’uu dandeenya. Kanas Mudde 6, 2022 kanaa eegaluun hojiitti
hiikuun ajjechaa har’a Oromoo kutaa tokkoo irratti rawwataa boriif nu kudhaammataa jiru jalaa of haa
baraarruun dhaamsa keenya.
Tooftaaleen ittiin Uummata dhumaa jiruuf sagalee tanu!
- Oromoonni kutaalee Oromiyaa biroo fi Magaalota ammaaf Nagaa qabu fakkaatan keessa jiraattan,
Uummata keessaniif sagalee ta’uuf, Sochii Oromiyaa Baraaruu, #OB irratti, karaa danda’amu hundaan
akka hirmaattan dhaamna. - Weerarri lafa Oromiyaa Kun, Oromoo Biyya Oromiyaa keessa jiraatu kamuu akka hin hanqanne
hubattanii akka dammaqinaan of tiksitan yaadachiifna. - Sochiiin Barattoota Oromoo, bifa ofeeggannootiin guutameen Sadarkaa Barnoota Olaanoo keessatti
tooftaa aanja’aa uummachuun Uummata keessaniif yeroo ulfaataa kanatti akka sagalee taatan
dhaamna. - Bakkoota barbaachisootti, uggurra daandii gochuutiin, mandhee diinaa adda baasuun WBOf heeruu
kennuun hojii naannoo qulqulleessuu akka taasiftan yaadachiifna. - Ijaarsa Koree Bilisummaa fi Bulchiinsa Yeroo ( The Interim Administration Committee) irratti,
hirmaannaa cimaa taasisuun, saffisaa fi qulqullinaan gara ofiin of bulchuutti akka ceetan dhaamna.
Sabi falmate Walaba ba’ee Biyya mataa ofii ijaarrata.
Injifannoon Uummata Oromoof.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 06, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

