Barattoonni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo fi Sadarkaa Gadii Hiriira Mormii Jabeessanii Itti Fufaniiru.
[SQ Mudde 5/2022]
Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti barattoonni Oromoo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Daargee fi Yuunivarsiitii Rift Valley Naqamtee yeroo ammaa kana dhaadannoo fi sagalee mormii jajjaba dhageessisaa jiru.
Ajjeechaa uummata isaanii irratti qindoomina humnoota Federaalaa fi Naannoo Amaaraan raawwataa jirus cimsanii balaaleffachaa jiru.
