Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mormiin Sirna Abiy Ahmed Irratti Qeerroon Eegale Yuuniversitii Adaamaattis Jabaatee Itti Fufeera

Mormiin Sirna Abiy Ahmed Irratti Qeerroon Eegale Yuuniversitii Adaamaattis Jabaatee Itti Fufeera.

[SQ Mudde 6/2022]

Fincilli Qeerroon Bilisummaa Oromoo eegale guyyaa har’aa Yuunivarsiitii Adaamaattis eegalamee jira. Dhaadannoo fi sagaleen mormii dhageessifamaa jira.

Hiriiricha dhaabsisuuf humnoonni mootummaa Bilxiginnaa yaalii taasisanis, Qeerroon barattoota Oromoo diduun sagalee isaa cimsee dhageessisaa jira.

Hiriirrii fi mormiin Qeerroon eegale hanga Oromiyaan Walabaa gad dhaabbatuu fi sabni keenya Oromoon bilisummaa guutuu gonfatutti jabaatee itti fufa.

Walabummaa, Bilisummaa, Birmadummaa Oromoo fi Oromiyaaf!

Exit mobile version