Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii fi kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hiriira mormii ba’uun uummaata isaanii duguuggaan sanyii irratti geggeeffamaa jiruuf sagalee ta’an waraana bilxiginnaan adamfamanii ukkaffaamuu eegalan

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii fi kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hiriira mormii ba’uun uummaata isaanii duguuggaan sanyii irratti geggeeffamaa jiruuf sagalee ta’an waraana bilxiginnaan adamfamanii ukkaffaamuu eegalan.

ONM-ABO Mudde 7, 2022
Barattootni dhaabbilee barnootaa fi kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hiriira mormii ba’uun gocha uummaata Oromoo irratti murni shororkessaan bilxiginnaa lafoo fi qilleensa irraan akkasumas humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo pireezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa qarshii miliyoona 100 deggereen duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti daangaa ce’anii fi Oromiyaa keessatti qindaa’uun raawwataa jiraniif sagalee ta’aa jiran adamsanii ukkaamsuun achii buutee dhabamsiisaa jiru. Haaluma kanaan yuunivarsiitii Dirree Dhawaa keessatti barattoota 12 ukkaamsuun hanga ammaatti hin argamin jiru. Barattootni kanneen keessaa ammaf kan maqaa arganne Maatiiwos, Biqilaa fi Solomoon kan jedhamu dippaartimentii afaan Oromoo irraa akka ta’e Mooraa Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa keessatti dhukaasni barattoota irratti banamuun miidhaa qaqqabuu fi reebicha hamaan irratti geggeeffamuun haalli mooricha keessa jiru nageenya barattoota Oromoof sodaachisaa ta’uu barattootni moorichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru. Kana malees guyyuma kaleessaa waaree booda hiriira mormii sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiruuf godina lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti barattootaan geggeeffamaa ture waraanni bilxiginnaa tamsaasuun barattoota 50 ol qabanii hidhuun barameera.

Exit mobile version