Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti hidhaan jabaate itti fufe

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti hidhaan jabaate itti fufe.

ONM-ABO Mudde 7, 2022
Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti xumuraa baatii Waxabajjii irraa eegaluun tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhachaa ture haaloo ba’uuf waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo onoota Godina Iluu Abbaa Booraa cufa keessa jiraatan irratti hidhaa hammeessanii jiru. Murni ilmaan Oromoo hidhuu meeshaa waraana godhatee jiru bilxiginnaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daariimuu magaalaa Haramee keessatti muddee 2, 2022 dargaggoo Fedhaasaa Phaawuloos badii tokko malee qabun kan hidhan yoo ta’uu abbaa Fedhaasaa kan ta’ee Phaawuloos Dheeressaa maatii isaa waliin guutummaatti manaa goodansisuun manni cufatti hafuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaaniru. Dargaggoo Fedhaasaan qabamee hidgamuu fi maatiin isaa qe’ee irraa godaansifamuun oomishni isaanii alatti hafun galgala bineensi nyaachuun guyyaa beelladootaan barbadaa’aa jira. Godina Iluu Abbaa Booraa aanootaa akka Doraanii ,Allee fi magaala Mattuu keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti hammatee jira. Murni uummata Oromoo qofa dararuun barcuma siyaasa isaa tikfachuuf wabiidha jedhee yaadu kun waggoottan arfan darban kana keessatti gochi badii Oromoo irratti raawwate hiriyaa kan hin qabne ta’uu ragaaleen ni ibsu.

Exit mobile version