WBOn Lixa Shaggar aanaa Amboo fi lixa Harargee ona Mi’eessoo keessatti tarkaanfii fudhate.
ONM-ABO Muddee 10, 2022 Irree fi gachaanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessee itti fufe jira.
Har’a Muddee 10, 2022 ganama barii irraa ka’uu WBOn zoonii giddu galeessaa waraana faashistii PP godina Lixa Shaggar ona Amboo ganda Qulliit mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Barkumee Qulliit keessatti haleellaa jabaa geggeessee waraana diinaa du’aa fi madoon adabee mooricha keessaa buqqisee jira.
Humni dabalataa ganda Dikii irraa ka’uun gara lolaatti deemuu sodaachuun karaatti dhaabbatanii dhukaasaa jiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii bahaa kaleessa Muddee 9, 2022 halkan godina lixa Harargee aanàa Mi’eesso araddaa Ittisaa Roorroo keessatti tarkaanfii mooraa waraana maafi’aa PP paarkii jedhame beekamu irratti fudhateen humna diinaa du’aa fi madoon adabee buqqqaasuun qabeenya achi keessa jiru guutuutti dhuunfateera
Guutuu tarkaanfii WBO ona Amboo keessaa akkaataa lolli xumurameen qabannee isiniif dhiyaanna!
Injifannoon Uummata Oromoof!

