Murni bilxiginnaa ganama kana godina lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo fi Najjoo gidduutti haleellaa diroonii raawwate.
ONM-ABO 20 Muddee 2022 Murni faashistii Abiy Ahimed hogganu bilxiginnaa lola lafoo waraanni bilisummaa Oromoo irratti raawwatuun bututee sochii waan dadhabeef maqaa WBOn rukuta jedhuun xiyyaara waraanaan namoota nagaa ajjeesaa qabeenyas balleessaa jira.
Har’a Muddee 20,2022 ganama murni bilxiginnaa xiyyaara waraanaa nama maleeyyii diroonii jedhamuun ganda uummata Oromoo aanaa Jaarsoo fi Najjoo gidduu jirtu, bakkoota lolli kaleessa guyyaa guutuu keessatti raawwatamuun WBOn injifannoo itti argate itratti abidda samii gadi itti roobsuun miidhaa namaa fi qabeenya irraan ga’uu jiraattootni ni dubbatu.
Guutuu miidhaa murni sanyii duguuggaa Oromoo irratti raawwachaa jiru kun qaqqabsiise adda baasnee isiniif dhiyeessina.

