Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa bifa haaraan gara baha Oromiyaatti guuraa jiraachuun ibsame

Murni bilxiginnaa bifa haaraan gara baha Oromiyaatti guuraa jiraachuun ibsame.

ONM – ABO – Muddee 27, 2022 Murni dhibdee Oromiyaa keessaa karaa nagaan taa’ee furuu hin barbaanne gaaffii siyaasaa itti ka’e afaan qawween furuuf waraana goyomsaa fi humnaan mana maatiitii qabee leenjisuun barcuma isaa akka tiksaniif bobbaase fayyadamuun qe’ee Oromoo maratti goolii uumuu itti fufee jira.

Diddaa uummataa fi sochii waraana bilisummaa Oromoo baha Oromiyaa keessaa ittiin ukkamsuu akkasumas sodaa tarkaanfii fudhachaa jiraachaa WBO Zoonii bahaan wal qabateen guyyaa kaleessaa Muddee 26, 2022 irraa qabuun humna waraanaa isaa gara godina bahaa fi lixa Harargeetti fe’aa jira.

Guyya kaleessaa waaree booda qofa konkolaattootni waraana bilxiginnaa baatan gosoonni adda addaa 60 magaalaa Adaamaa qaxxaamuruun gara baha Oromiyaatti darbanii turan.

Murni bilxiginnaa sochii WBOn godinoota lamaa keessatti taasisuun waraana faashistii du’aa fi madoon adabaa jiruun kan rifate torbee darbee qabuun namoota nagaa hidhata WBO qabduun hidhaa turetti dabaluun waraana hedduu naannichatti bobbaasuun ajjeechaa, saamichi, qe’ee irraa godaansisuu fi hidhaan akka hammaatu gamanumaan hawaasni godinichaa yaaddoo keessa seenuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru

Exit mobile version