Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraana bilisummaa Oromoo of fakkeessuun yakka hojjechaa jiraachuun himame.
ABO – WBO – Muddee 30, 2022 Murni of danda’ee yaada yaadaan akkasumas humna humnaan mo’achuu hin dandeenye bilxiginnaan fudhatamummaa Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata biratti qabu maqaa balleessuuf WBO fakkaatee yakkoota adda addaa hojjechuu itti fufeera.
Ona Ada’aa Bargaa magaalaa Mogar keessatti Muddee 23, 2022 irraa eegalee halkan rifeensa baranee mataatti godhatanii mana namaa irra deemuun erga bansiisanii qarshii gaafatu.
Warra qarshii kennuuf irraa fudhatu warra lakki nuti waan akkasii hin beeknu jedhanii morman isin deggertoota bilxiginnaati jechuun sobanii reebicha irraan ga’anii deemuun ganama magaalaa keessatti WBO’n halkan dhufee mana namaa seenuun qarshii saamee akkasumas reebicha raawwatee deeme jechuun odeessisu.
Oduu biraatiin ammoo aanichuma ganda Biyyoo Wagiddii jedhamtu keessatti torbee kana uummata dirqiin waltajjii teessisuun gibira waggaa sadii torbee tokkotti kafaluu qabdu jechuun dirqamsisaa jiraachuu fi sababa kanaan uummata naannichaa waliin waltajjii irratti wal dhabuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota naannichaa irraa odeeffateera.

