WBOn Kaaba Shaggar keessatti diina du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkate.
ONM-ABO 30 Muddee 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa godiba kaaba Shaggar Ona kuyyuu ganda Uuyyee Cabareetti Bergeediin Risaa Laga Mugar kaleessa Muddee 29, 2022 tarkaanfii guggubduu humnaa diinaa loltoota 400 oliin walii guuranii yaa’aa turanitti haxxee hidhuun 89 battalatti yoo irraa ajjeesu 96 ol madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Kaleessarraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti warreen baaraganii hallayyaa seenuun caccabanii fi kanneen madaa’an fe’atanii deemanis reeffi garuu achuma jira.
Lola kanaan qawwee AKM 30 Isnaayipera 2 fi meeshaalee garagara irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii tolchee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

