WBOn godina baha Wallagaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti tarkaanfii fudhateen waraana bilxiginnaan du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa irraa hiike.
ONM-ABO 3 Amajjii 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo garbummaa hundeen uummata Oromoo irraa buqqisuuf lubbuu isaa tokkitti kennee hojjechaa jiru waraana bilxiginnaa baha Wallaggaa keessatti finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata keenya ajjeesaa fi qe’ee irraa buqqisaa turan haleeluun du’aa fi madoon adabee jira.
Har’a Amajjii 3,2022 waaree dura baattoon imaanaa goototaa WBOn tarkaanfii waraana faashistii Abiy Ahimed irratti godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Jimaatee bakka addaa Tulluu Qacee jedhamtutti fudhateen loltoota 50 ajjeesuun 86 madeessee jira.
Gama meeshaatiinis bireena 2, qawwee AKM 49, boombii harka 15, hidhannoo 52, rasaasa AKM fi Bireenaa akkasuma meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti madoon waraana bilxiginnaa hospitaala Giddaa keessaa guutuun yaala ga’aa dhabanii rakkachaa jiraachuun maddeen himaniiru.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga sirni bilxiginnaa buqqa’utti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

