ONM-ABO Hagayya 3, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii Abiy Ahimed irratti godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessatti fudhateen diina du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa gurguddaa irraa hiike.
Tarkaanfii kaleessa Hagayya 2, 2023 aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa xiqqaa Jaangir jedhamtu keessatti jajjabeen WBO ganama sa’a 12:00 hanga sa’a 6:00tti taasiseen loltoota faashistii PP irraa 250 yoo ajjeefaman, 105 madaa’uun 50 harkaa qabamanii jiru.
Lola aanaa Giddaa Ayyaanaa kanatti taasifameen dishqaa 1, Bireenii 7, isnaayipperii 4, AKM 110, rasaasaa 15,231, boombii 30 fi hidhannoo dugda diinaa irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummmaa Oromoof oolchee jira.
Waraanni diinaa hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffa isaanii osoo hin kaafatin jiraachuun barameera.
Aanaa Kiiramuu keessatti ammoo dheengadda Adoolessa 1, 2023 gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Kiiramuu jalatti siqee daandii qaxxamuruuf jechaa jirutti ergamtoonni faashistii PP haxxee hidhuun eeggatanis WBO farra haxxeen deebii jabaa deebisuufiin haleellaan laalessaa irratti fudhateen ofi duraa kaase.
Humna diinaa ofi dura buqqise rasaasaan reebaa magaalaa Kiiramuutti ol deebisuun warreen mooraa keessatti hafan waliin magaalaa keessaa buqqisee keessa darbee jira.
Tarkaanfii kaayyoo diinaa fashaleessuun fudhate kanaan loltoota Abiy Ahimed irraa 52 yoo ajjeesu, 61 madeessuun 10 harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin AKM 13, rasaasa 1320, boombii 10, hidhannoo 25 fi qophii waraanaa irraa buufachuun injifannoo boonsaan daandii qaxxaamureera.
Lolli Bilisummaa Oromiyaa mara keessatti ni finiina!
Injifannoon Uummata Oromoof!

