Waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti rasaasa walitti dhukaasan.
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Jalqabni baatii Amajjii torbeen darbe godina Qellem Wallaggaa keessatti raafama waraana hamaan kan keessatti mudatee dha.
Haleellaa laaleessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Anfilloo keessatti waraana bilxiginnaa irratti fudhateen wal qabatee caasaa bilxiginnaa aanichaa deebisnee ijaarraan kaabinoota godina Qellem Wallaggaa aanota garaagaraa irraa namoota kudhan kudhan funaanuun waltajjii erga teessisaniin booda qawwee tokkoo fi gumbii lama namoota leenjii waraanaa hin qabnetti kennuun waraana magaalaa Muggii irraa buqqa’anii Dambii Doolloo mooraa ganda 07 jiran waaman.
Konkoolataan waraana kana fuuchuuf yeroo seenu nuti gara Muggiitti hin deebinu jechuun jeequmsa kaasaniin dhukaasa wal irratti bananuun duubatti deebisan.
Humni karoora baafatee kaabinootaa fi waraana bilxiginnaa gara Muggiitti geessuuf sochii irra ture aaruun Konkoolataan cufti guyyaa kaleessa Amajjii 9,2023 ganama dhibdeen isaan gidduutti uumamee kaasee hanga sa’a 8:00tti konkoolataan akka hin deemne gochuun uummata illee dararaa oolan.
Waraanni bilxiginnaa Gidaamii irraan garjeeda qaxxaamuree gara Muggii seenuuf tures karaatti rukutamuun ganda Masaraa irraan gara Dambii Doollootti ol deemaa turte.
Mooraan waraana bilxiginnaa yeroo ammaa garmalee rafamuun kaabinootni isaanii hojii dhiisanii kan baqachaa jiran yoo ta’u waraana harka kennatu malee kan meeshaa gatee badus hedduu ta’uu maddeen waraanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti rasaasa walitti dhukaasan

