• Mon. Mar 16th, 2026

Waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti rasaasa walitti dhukaasan

Jan 10, 2023

 
Waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti rasaasa walitti dhukaasan.
 
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Jalqabni baatii Amajjii torbeen darbe godina Qellem Wallaggaa keessatti  raafama waraana hamaan kan keessatti mudatee dha.
 
Haleellaa laaleessaa  gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ona Anfilloo keessatti waraana bilxiginnaa irratti fudhateen wal qabatee caasaa bilxiginnaa aanichaa deebisnee ijaarraan kaabinoota godina Qellem  Wallaggaa aanota garaagaraa irraa namoota kudhan kudhan funaanuun waltajjii erga teessisaniin booda qawwee tokkoo fi gumbii lama namoota leenjii waraanaa hin qabnetti kennuun waraana magaalaa Muggii irraa buqqa’anii Dambii Doolloo mooraa ganda 07 jiran waaman.
 
Konkoolataan waraana kana fuuchuuf yeroo seenu nuti gara Muggiitti hin deebinu jechuun jeequmsa kaasaniin dhukaasa wal irratti bananuun duubatti deebisan.
 
Humni karoora baafatee kaabinootaa fi waraana bilxiginnaa gara Muggiitti geessuuf sochii irra ture aaruun Konkoolataan cufti guyyaa kaleessa Amajjii 9,2023  ganama  dhibdeen isaan gidduutti uumamee kaasee hanga sa’a 8:00tti konkoolataan akka hin deemne gochuun uummata illee dararaa oolan.
 
Waraanni bilxiginnaa Gidaamii irraan garjeeda qaxxaamuree gara Muggii seenuuf tures karaatti rukutamuun ganda Masaraa irraan gara Dambii Doollootti ol deemaa turte.
 
Mooraan waraana bilxiginnaa yeroo ammaa garmalee rafamuun kaabinootni isaanii hojii dhiisanii kan baqachaa jiran yoo ta’u waraana harka kennatu malee kan meeshaa gatee badus hedduu ta’uu maddeen waraanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading