Qondaaltonni mootummaa naannoo Beneshaangul Gumuz mootummaa faashistii Itoophiyaa waliin ta’uun uummata Oromoo aanaa Toongoo ganda Yaa’aa masaraa irratti ajjechaa fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame.
ONM – ABO – Amajjii 10, 2023 Torbanoota darban keessa hidhattootni mootummaa Beenishaangul Gumuz kanneen murna biltsiginnaan tumsaman daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun uummata Oromoo aanaa Young Toongoo ganda Yaa’aa Masaraa irratti tarkaanfii fudhataniin daa’iimman ol adeemootaa qabee hanga maanguddootaatti qe’ee fi mana jireenyaa isaaniittii bobba’uun raasaasa itti roobsanii ajjeesaa kan turan ta’uu maddeen achii himaniiru.
Weerara kanaanis hidhattootni kun uummata nagaa erga ajjeesaniin booda qabeenya uummataa saamuun horii ooffatanii kan deemanii fi midhaan uummataa ooyiruu irra jirus WBOtu keessa jira jechuun ibidda itti qabsiisanii gubuunis dhagaa’ameera.
Humnoonni kun namootni maatiin isaanii jalaa ajjeefame akka gadda hin teenye kan ittisan yoo ta’u, keessattuu jiraataa obbo Daawud Ahimad jedhamu kan mucaan isaanii jalaa ajjeefame gadda irra jiran, qe’ee isaaniitti seenuun maanguddoota biyyaa dabalatee uummata gadda irra taa’aa jiru mara walitti qabuun reebicha eega irratti raawwatanii booda, deemnee ajjeefna jechuun doorsisaa turan.
Akka hidhattootni kun jedhanitti namootni ajjeefaman kun warreen WBO faana hariiroo qabaniidha waan ta’eef gadda taa’uun hin barbaachisu kanaaf hawwaasichi namoota isaan jalaa ajjeefamaniif carraa gadda taa’uu kan hanqatan ta’uunis himameera.
kana malees uummata Maahoo fi gurraacha Araba jedhee of waamu keessaas warreen hawwaasummaan uummata Oromootti dhiyaatan hariiroo bira qabdu jechuun funaananii kan reebaa turan ta’uu kan kaasan maddeen humnoonni kun saboota walitti buusuuf karoora taasifate akka gandichatti bobbaa’an dubbataniiru.
Gochi duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo aanaa Toongoo ganda Yaa’aa Masaraa irratti raawwate Kun mancaatii qabeenyaa hedduus kan geessise yoo ta’u manneen namoota obboo Kamaal Abbaa Milkii, haadha Kariidaa fi mana Sheek Umar Hajii Adam Abbaa Dikoo jedhaman abiddaan kan guban .
Mana Sheek Umar kana keessaa ammoo kitaabota amantii Quraana dabalatee gadi baasanii gubuu jiraattotni nuuf himaniiru.
Namoonni humna waraanaa bobbaasuun adda durummaan uummata kanarratti Yakka raawwachaa jiran; Darguu Dhimma Nageenyaa MNBG, Ashaadilii ( PMNBG) fi Dhimma Nageenyaa Aanaa Toongoo Kan ta’e Kamaal Tasammaa nama jedhamuu fi namoota jara kana waliin jiran ta’uun beekameera.
Humnoonni Kun bakkoota hawaasni Oromoo jiraatan Weetsee, Waddeesssaa, Miimmii Yakooboo, Shigoogoo, Shantaa Goobaa fi kanneen biroo keessatti itti fufanii gocha kana raawwachuuf qophii irra jiraachuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
