Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti Humnoonni Mootummaa Dargaggoota Sadii ajjeesan.
(SQ-Amajjii 12/2023)
Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambel Ganda Malkaa Eebichaa bakka jedhamuutti Waraanni Mootummaa Dargaggoota Sadii Yakka tokko malee ajjeesan.
Dargaggoo Jemal Mohammad
Dargaggoo Naasir Fufaafi Dargaggoo Musaa yoo ajjeesan Dargaggoota hedduu reebuun Miidhaa irran gahaniiru.

