Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

LABSII SIYAASAA GABAABAA Qabsoo Hidhanoo irraa Haga Aaga-Nagayaatti (Adda Bilisummaa Oromoo – Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO))

Amajjii 2023

1.     Qabsoo Keenya 

Nuhi, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) mirga hiree murteeffaannaa Saba Oromootiif qabsoofna. Ummanni Oromoo fanfansaa siyaasaa, saamicha diinagdeetii fi moggeeffama aadaa-hawaasummaa jalaa akka bilisumuu falmanna. 

  1. Ummanni Oromoo mirga siyaasaa isaa dhiibbaa tokko malee akka murteeffatu qabsoofna.  Ummanni Oromoo hegeree siyaasaa ufii akka ofii isaa murteeffatu hojjanna, filmaata haqaqabeessaan bakka bu’oota isaa filatee akka mootummaa birmaduu fi itti-gaafatamaa ijaaratu falmanna. 
  2. Nuhi, walabummaan diinagdee ummata Oromoo akka mirkanawu qabsoofna. Saamichi qabeenna namaatii fi uumaa akka dhaabbatu falmanna. Qabeenni uumamaa fi hunma namaa akka faayidaa hundumaafuu oolu misoomsina.  
  3. Ummanni keenna akka mirga aadaa-hawaasummaa isaa deebisee goonfatu qabsoofna.

Mirgi afaan, aadaa fi seenaa Oromoo akka kabajamu qabsoofna. 

Sababiin luubbuu teenna lagoo hin qabne wareeguuf murteeffanneef bolola dhiiga dhangalaasuu fi jeequmsa uumuu qabaanneetii miti. Kaayyoon keenya sirna cunqursaatii fi abbaa irree ufiraa kaafne mirga namummaa fi sabummaa keenna goonfachuudha. Ukkaamsaa aadaatii fi xiqqeenna namoomaa sabaa jalaa baanee mirga keenya dhugoomsuudha. Ummanni Oromoo mirga ufii murteeffachuuf qabsoo walirraa hin citne godhaa ture, ammas godhaa jira.

Qabsoo fi abjuun Oromoo bu’uraan mirga hiree isaa dhiibbaa tokko malee murteeffachuu akka taye hubatamaadha. Warraaqsi baroota dabran adda durummaa Qeerroo fi Qarree Oromootiin geggeeffame dhugaa kana qulqulleessee addeessa. Abbootiin siyaasaa Itoophiyaa gaaffii ummata Oromoo xureessuu fi cilee itti dibuuf haa yaalan malee mirgi hiree murteeffannaa fi dhala-namoomaa yayyabu, hundee mirgoota hundaati jechuun ni dandayama. Akkaataa safuu fi kakuun mootummoota gamtoomanii lallabutti, mirgi ummatoonni hiree isaanii murteefachuuf qaban hin sharafamu, hin mulqamu. Waadaa fi kakuun maqaa mirgoota sivilii fi siyaasaatiin beekamu (ICCPR) mirguma kana gadi-jabeessee dhawwaaqa.  Mirgoota diinadgee, hawaasummaa fi aadaa ilaalchisee kakuun idilee addunyaa dabalataan mirguma kana gadi fageessee mirkaneessa.(ICESCR). 

Waadaa fi kakuun mootummoota gamtoomanii mirgi hiree murteeffannaa kabajamuu qaba, sharafamuu fi mulqamuu akka hin qabne labsa. Mirgi hiree murteeffannaa sabootaa, mirga kabajamu, tikfamuu fi guutamu qofaa otoo hin taane, akeeka bu’ura masakaa nagaa fi nageenya waaraati. Gaaffiin keenna bifa kamiinuu kan mirga nama biraa ykn saba biraa miidhuu miti; dheebuun keenya walqixxummaa, haqa, kabajaa walabummaa ummata Oromoo argamsiisuudha. Qulqullummaa fi haqa-qabeessummaan kaayyoo keennaa Warraaqsa Qeerroo fi Qarree keessatti humnoota siyaasaa Itoophiyaa hundumaa hirmaachisee mootummaa EPRDF buqqisuun ni yaadatama. Mootummaan abbaa-irree EPRDFin durfamu warraaqsa ummatootaatiin aangoo irraa kaafamuun seeronni ukkaamsoo fi cunqursoon akka haqamaan bitimee saaqe. Kanumaan wal-faanaa sirni abbaa-irrummaa lallaaffachuun sirna siyaasaa fi diinagdee wayyeessuu fi fooyyessuu keessatti qooda hin tuffatamne gumaache. Qabsoon Ummanni Oromoo mirga isaatiif godhu, karaa hedduun qabsoo ummattootaa fi saboonni biroo godhan wajjiin wal deeggara. Qabsoon Qeerroon Oromoo karaa hidhanno-maleessaatiin gaggeesse fi qabsoon hidhannoo WBOn tarkaanfachiisu ta’insa lama kan qaama tokkoon gaggeefamu dha jechuun ni danda’ama.

WBOn milkii Warraaqsa Qeerroo Oromootiin argame irratti dabaluun milkii biraa galmeessuu akeekkata. Haatawu malee, osoo oolee hin bulin, humni booddessaan aangoo butatee dhuumfate, abdiin biyya demokiraatessuu akka fixeensa ganamaa harcaase. Gartuun kun aangoo mootummaa muquqquulee fudhate sirnaa fi mootummaa qeenxee deebisuu fi ijaaruuf abjootuu jalqabe. Aangoo mootummaa waaltaa kophaa isaatti haqanqaalee fudhachuuf duula sanyii duguuggaa sabootaa fi sab-lammoota irratti labse. Sirna dullacha deebisuuf anaannatee itti seene. Haala mootummaan aangoo irra jiru akeeka diiggaa tarkaanfachiisuu fi waraana sanyii duguuggaa labsu keessatti roorroo uf-irraa qolachuu fi lubbuun jiraachuuf qabsoon hidhannoo filmaata filmaata biraa hin qabne tayaa dhufe. Qabsoon keenya qabsoo haqaqabeessa, qabsoo seera-qabeessa kana keessatti mirga nurraa mulqamee deebifachuu kaayomfanna. Kanaafuu sirna cunqursaa fi ukkaamsaa uf-irraa qolachuun mirga uumamaati. 

Balaa akka sabaatti nu irratti aggaammamee ufirraa qolachuu fi dandamachuuf dhiiga keenna hanga dhumaatti kennuuf qophii taanullee, aaga-nagayaa waaraa tiiksuu fi fiduufis ijjannoo hin daddaaqne qabna. Akka Oromootti nagaan bu’uraa fi hal-duuree sirni siyaasaa, amantii, hariiroo hawaasaa, fi seexaa-safuu hojjeetuu akka ta’e hubanna. Ummata Oromoo biratti nageenni furtuu waa maraati. Sirni seera-qabeessaa fi hawaasni badhaadhaan nagaya irratti ijaarama. Waraanni yoomiyyuu filmaata keennaa miti. Galma keennaas miti. Ummata keenyaaf nagayaa waaraa fi bu’aa diinagdef hawaasummaa nagaya wajjiin argamu hawwinaaf.  Nagaya waliin mariyachuu irraa madduu fi furmaata siyaasaa waaraa fidutti amanna, nageenni nu hawwinu kan gaaffii ummanni Oromoo baroota dheeraa qabsaaye deebisuu fi wareegama isaatti kabajaa deebisee gonfachiisuu tawuu qaba jennee amanna.  

Mootummaa qabsoo ummanni Oromoo mirga isaa gonfachuu godhu salphisee, firii qabsichaa butate wajjiin taa’anii mariyachuun murtii qajeelaa akka hintayin osoo beeknuu, mootummaa kana wajjiin mariyaachuuf qophii tawuun keenna cichoominaa fi murannoo nagayaaf qabnu agarsiisa. Mootummaa sirna fokkataa mootii-moototaa deebisuuf hojjataa jiru wajjiin mariyachuuf yeroo adda addatti qophii tawuu keenna muldhisuun nagaaf dursa kennuu keenyaaf ragaa dhaabbataadha. Nuti karaa keenyaan shakkii mootummaan kun balaa walwaraansi fidu hubatee, qalbii isaatti deebi’ee gara haasawa nagayaatti dhufuu hin dandawu jedhu cinatti dhiisuuf qophii qabaachaa turre. Nagaaf kan dursa kenninu, kaayoo saba keenyaa galma gahuuf, kabajaa wareegamtoota qabsoo Oromootiif, fedhii ummata keennaa bakkaan gahuuf akeekkanneeti.  

2.     Walabummaa Jaarmaya Keennaa

Warraaqsa Qeerroo fi Qarree Oromoo hordofee, dirreen siyaasaa fuffurachuu fi saaqamuun ni yaadatama. Jijjiirama hennaa gabaabduu billiqee dibame walfaanaa ABOn biyyatti deebi’ee akka dorgomaa siyaasaatti Boordii filannoo Biyyoolessa Itoophiyaatti galmaawunis hin irraanfatamu. Waliigaltee ABO fi mootummaa Itoophiyaa wajjiin godhame kessattis araara buusuu fi dirree siyaasaa Oromiyaa waraanaa irraa gara morkattummaa siyaasaa bilisaatti jijjiiru kan jedhu ni argama. Sababii kanaanis ABOn baatii Fulbaanaa bara 2018 qabsoo siyaasaa hidhanno-maleessaa gaggeessuuf biyyatti deebi’e. Haatawu malee mootummaan Itoophiyaa waadaa seene cabsee bakka qaamni hin-baabsiin sadaffaa argamutti mariyachuu didee, murtii qaamni lamaan waliigalanii humnoota hidhatanii lola irra turan hidhannoo hiikkachiisuu, caasaa waraanaa dachaasuuu fi ijaarsa nageennaa fi marabbaa keessatti madaqsuu (DDR-Hiikkachiisuu, Dachaasuu fi Madaqsuu) akka hujii irra hin oolle gufachiise. 

Ji’oota jalqabaa irratti mootummaan waliigaltee (DDR-HDM) hojiittii hiikuu irratti diddaa agarsiisuu fi haceeqaluu muldhisus WBOn waldiddaa irraa uf-qusachaa ture. Yeroo hedduu WBO fi humnoonni mootummaa dirree sochii isaanii waliif beekanii, qabatamaatti, olaantummaa seeraa eegaa turan. WBOn humna waraana mootummaa tasumaa rukutuu irraa obsaan uf-qusate. Hafuurri ’’Waliigaltee Asmaraa,’’ waldura dhaabachuu irra walgargaaruu fi waliin mariyachuu kan jedhu ture.  

Haatawu malee, waadaan sun hujii irra hin oolle. Mootummaan OPDO dorgommiin siyaasaa bifa kamiiyyuu Oromiyaa keessatti akka hin godhamne hadheeffatee dide. Koreen gidduugaleessa paartichaa humnoota siyaasaa Oromoo hundumaa balleessuuf dhoksaan shira xaxe.

Akkuma ABOn biyyatti deebi’een, osoo oolee hin bulin, mootummaan gama tokkoon caasaa basaasaa isaa bobbaasee gama biraatiin ammoo namootaa fi murnoota lukkeelee isaa tayan akka duula maqaa hadheessaa ABO irratti geggeessan tolche. ABO irratti duula shoorarkeessaa geggeessuun, yakka malee yakkuu fi dharaan irratti duuluun hujii guyyuu tayaa dhufe. Walitti bu’iinsi xixiqqaan dhiiga nama hedduu dhangalaasuu jalqabe. 

Mootummichi ‘’waliigaltee Asmaraa’’ ABOtu gufachiise jedhee dhaabicha dharaan yakkuu itti fufe. Dhugaan jirtu garuu gufatuu waadaa Asmaraatiif guutuu guututti mootummatuu itti gaafatama. Jalqabumarraa kaasee ABO balleessuuf ajandaa dhoksaa qabaachaa ture. Waliigaltee Asmaraa guutuu guututti hujii irra oolchuun ijjannoo dhaabbataa ABO ture. Mootummichi dhimmaa hidhannoo hiikkachuu sababaa godhatee WBO yakkuu bira dabree waraana waliigalaa irratti labse.  Yeroo torbaaniin lakkaawamu keessatti WBO balleessa jedhee dhaadachuu aadaa taasifate. Garuu, WBOn tarkaanfii diina uf-irraa faccisuu fi dantaa ummata Oromoo tiiksuu hundee godhatee socho’uu itti fufe.

Hogganni hagoon fiixee ABO irra jiru maqaa ‘’haasawa nagayaa’’ jedhuun, bakka humni hinbaabsine sadaffaa hin jirretti, murtii dingataawaa dabarsuun dhaaba keessatti gungummii fi waldiddaa uumee ture.  Murtii kana dabrsuun duratti mariin sona-qabeessi dhaaba keessatti, keessattuu humna waraanaa wajjiin godhamuu hanqachuu fi dhaabni murtii hoggana hagootiin biyyatti deebi’uun mormii dalche. Akkaataan hogganni ABO fiixeen osoo mariin hirmaachisaan hin godhamin gara biyyaatti gale miseensota Gumii Sabaa biratti gaaffii seeraqabeessummaa kaase. Hogganni ABO osoo walii-galteen hin mallatteeffaminii fi bakka qaamni sadaffaan hin jirretti biyyatti galuun kiyyoo aadaa siyaasaa Itoophiyaa, wal ganuu fi shira walirratti xaxuun beekamu keessatti kufe. Miseensonni WBO kanneen humna nageenya biyyaa keessatti dabalamuuf mooraa leenjii seenan miidhaa fi ergarama adda addaatiif saaxilaman. ABOn miseensota WBO waliin wal qunnamtii qabu irraa dhorkame. Mootummaan hariiroo ABO fi WBO gidduu jiru kutuu irra darbe gaaffii ABOn miseensota waraanaa moonaa seensifaman waliin quunnamtii deebifachuuf kaaseef gurra kennuu dide. Tarkaanfiileen jalqaba walii-galtee Asmaraa hujii irra oolchuuf fudhataman mootummichi amanamummaa fi murannoo akka hin qabne ifatti baasan. 

Dhiibbaa manguddootaa, namoota bebbeekkamoo fi hayyoonni godhan irraa kan ka’e hogganni ABO WBO irraa fagaachuu fi qunnamtii kutuu filate. ABOn, WBO irraa addaan cituu isaa qolaa baafatee addeesse; diidas baasee balballoomse. Osoo kun tayee jiruu ABOn WBO wajjiin qunnamtii qaba jedhamee yakkamuun ittuma fufe, osoo seeraan galmaayee jiruu irratti duulanii laamshessuun hanga har’aatti hin dhaabbanne.    

Kanaafuu qabxiileen armaa gadii irratti hundoofnee hariiroo ABO fi WBO jidduu jiru irra deebinee ilaaluun barbaacisaa tayee argame.  

  1. Akka paartii siyaasaa seeraan galmaayetti ABOn humna qabsoo hidhannoo geggeessu hogganee mootummaa Itoophiyaa lolchiisuu akka hin dandeenne ifa galaa ta’e. 
  2. Miseensota Koree Hujii Raawwachiiftuu ABO tokko tokko sadarkaa naannoottii fi federaalatti bulchiinsa mootummaatti dabalamani. Kanarrattis dabalee caasaan basaasaattii fi basaastonni fuul-lamiin caasaa ABO keessa seenan. Sababii kana irraa kan ka’e hogganni ABO birmadummaa jaarmayaa fi dilbii siyaasaa waan dhabeef, WBOf kallattii siyaasaa kennuu dadhabe. 
  3. Wayyabni hogganootaa ABO ol’aanoon jumlaan guuramanii mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Hogganoonni hagoon alatti hafanis hordoffii fi hudhaa caasaa basaasaa mootummaa jala jiru. Kanneen hafan ammoo shira micciirraa siyaasaan mootummichaa jalatti kufani. Kanaafuu, hogganni ABO gara Finfineetti deebi’e guutuu guututti waan laamshayeef, sochii siyaasaa WBOf qajalfama tarkaanfii kennuu isa dandeessisu dhabe. 

Qabatamaatti, hoggganni ABO Finfinneetti deebi’e, humna seeraa, anniisaa siyaasaatii fi dandeettii hojii ittiin socho’u dhabe. Qaawwaa uumame cufuuf Adoolessa bara 2021 Oromiyaa dirree walabaa keessatti WBOn Kora Sabaa gaggeefate. Kora kanarratti hogganni siyaasaa WBO, qondaalotaa fi ajajootni waraana WBOtii fi deggertoonni WBO Oromiyaa guutuu keessaa qaamaa fi quunnamtii hammayyaan irratti hirmaatanii jiran. Korri sabaa hogganaa siyaasaa fi waraanaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jedhamu tolche. Kora Kanaan, ABO-WBOn itti gaafatamummaa ol’aantummaan sochii waraana WBO hogganuu, dhimma siyaasaa fi dirree diplomaasii qindoominaan qajeelchuu fudhate. Moggaasni ABO-WBO jedhu siyaasnii fi waraanni qaama tokko jalatti waaltawuu fi tokkoomuu akeeka.

3.     Waraana Keenna  

Kaayyoon ABO-WBO Ummata Oromoo baraaruu fi duula barbadeessaa humni nageenya mootummaa Itoophiyaa nurratti bane cichoominaan ufirraa qolachuudha. Loltoonni keenna seera waraanaa irratti leenjii gahaa fudhachuu bira lufanii seerota dirree waraanaa kabajanii socho’u; kanarrattis dabalee naamusa waraanaatiin dabaalamanii sirnaan masakamu. Tarkaanfii caasaan ajaja ol’aanaa waraanaa hin beeyne fudhachuun tasumaa hin hayyamamu; tarkaanfii seeraan alatti fudhatamu kamiiyyuu obsaan bira hin dabarru. Hennaa seera-dhableeyyii fi kaayo-maleeyyiin tokko tokko tarkaanfii qaamni ajaja ol’aanaa quba hin qabne fudhatan, adaba laalessaan qajeelchina. 

Loltoonni keenya Amaaraa fi sabootaa fi sab-lammoonni Oromiyaa keessa jiraatan lammii Oromiyaa tawuu isaanii tolchanii beeku. Mirgi sabootaa fi sab-lammoota Oromiyaa keessa jiraatanii kabajamaa dha, haala kamiinuu hin shasharafamu; yoomiyyuu hin tuqamu. Loltoonni keenna osoo qawwee hin hidhatin dursanii qajeelfama ogummaa waraanaa gadi-fageennaan baratu. Qajeelfama seera waraanaa keenya keessatti saba biraa fanfansuu fi tarkaanfii eenyummaa irratti xiyyeeffate fudhachuun seeraan nama adabsiisa. WBO fi loltoonni isaa mirga ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsaayaa mirga ummata biraa hin sharafan, saba biraa irratti biiluu hin baafatan; tarkaanfii kaayyoo saba keennaa gaafii jala seensisuu fi fashalsiisu hin fudhatan. 

Mootummaan Itoophiyaa ‘’loltoonni WBO tarkaanfii shoorarkeessaa ummata nagayaa irratti fudhatu,’’ jedhee akka nu yakku tolchinee beekna. Qondaalonni mootummaa loltoonni keenna

‘’tarkaanfii shoorarkeessitummaa ummata nagayaa irratti fudhatu; ummata jumlaan fixu’’ jedhanii yakku. Mootummaan Itoophiyaa yakka yeroo adda addaa, itti gaafatamummaa tokkoon alatti, ummata nagayaa irratti raawwatu WBOti dabarfachuu aadaa dhaabbataa tawuun hubatamaa dha.  Gidiraa fi gocha hammeennaa ummata nagayaa irratti raawwatee WBO fi loltoota isaatti haqata. Mootummaan Itoophiyaa yakkamtootaa fi bitamtoota gocha hammeenyaa ummata nagayaa irratti raawwatan WBO fakkeessee, leenjisee bobbaasa. Yakka daangaa hin qabne hojjatee, hojjechiisee WBOti haqata. Yakka akkeessaa fi fakkeessaa tolchanii golgaa ‘’ol’aantummaa seeraa kabajjisiisuu,’’ jedhu jalatti WBO fi caasaa deggersa isaa maqaa balleessanii tarkaanfii badii fudhatu. 

Shira akkeessaa fi fakkeessaa qamashanii gocha suukkaneessaa ummata nagayaa irratti raawwatanii ‘’shiftoonni WBO ummata Oromootii fi saboota biroo irratti yakka hammaataa raawwatan,’’ jedhanii WBO maqaa xureessu. Sababiin hangafni shira oomishanii facaasaniif tarkaanfii barbadeessaa WBO fi ummata nagayaa irratti fudhatuuf golgaa tolfachuufi. Sababiin biraa WBO dharaan yakkanii ummata Oromoo irraa addaan kutuu dha. Kanarratti dabalees akeekni shira kana duuba jiru WBO hawaasa idil-addunyaa biratti fudhatama dhabsiisuudha. Yakki mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoottii fi WBO irratti raawwatu himamee hin dhumu. Hirgiin mootummaan xaxu WBO hawaasa idl-addunyaa biratti beekkumtii fi deggersa malee hambisuuf jecha WBO humnoota shororkeessituu, baddee-balleessituu wajjiin walfakkeessanii dhiyeessuudha.  Sababni biraas, ummata Oromoo jiddutti summii dharaa facaasanii akka waliif hinbirmanne tokkummaa fi gurmuu isaa diiguudha.

Nuhi, hawaasni idil-addunyaa karaa mootummaa gamtoomee akka dhugaa jirtu sonaan hubatuu fi irbuu ‘’Deeboon Sun Lammata Hin Deebitu’’ jettu kabaju jajjabeessina. Karaa keenyaan gabaasaa fi himannaa ‘’Oromiyaa keessatti yakki raawwatame,’’ jedhu karaa qaama amanamaa, hin-baabsiine, walabaa, fi taaytaa seera-qabeessa idil-addunyaa qabuun akka qoratamu waamicha keenna irra deebinee dhiyeessina.

4.     Himatnaa Sirnicha Irratti Dhiyeessinu

Waggoota afuran dabran Ummanni Oromoo mirga demokiraatawaa birmadummaan ufbulchuu hundumaa sarbamee har’a gaye: 

  1. Sabni Oromoo hanga ammaatti filannoo haqa-qabeessa keessatti hirmaatee mirga mootummaa isaa filachuu mulqamee jira.  Sabboontotaa fi dadammaqoon Oromoo hundumtuu waan mootummaa kana qeeqanii fi morman qofaaf shiraan dirree siyaasaa keessaa alatti darbamu.  
  2. Mootummaan humna namaatii fi qabeenna ummata Oromoo herrega hin qabne daangaa tokko malee kophatti dhuumfatee saama; kan hafe ammoo ni mancaasa. Hiyyummaan nam-tolcheen hammaatuu bira dabree gaara tuqeera. 
  3. Afaan Oromootii fi aadaa Oromoo ilaachisee mirgoonni xixiqqoon hanga har’aa gonfannellee osoo hin hafin dachaafamanii jiran; imaammanni afaan Oromoo haquu fi aadaa Oromoo xiqqeessu sirna barnoota Oromiyaa keessatti hujii irra oolfamaa jira. 

Seenaan gaddisiisaan waggoota afuran darban galmaaye, ummanni Oromoo mirga hiree isaa ofiin murteeffachuu dhorgamuu isaa bira darba. Waggoota afuran lufan ummanni Oromoo mirga hiree murteeffannaa duwwaa mulqame osoo hin taane mirga nagayaan biyya ufii keessa jiraachuus sarbame. Erga Paartiin Biltsiginnaa aangoo qabateen asitti, mootummaan waraana barbadeessaa ummatoota nagayaa irratti labse; waraana kana keessatti yakka waraanaa, yakka namummaaa irratti raawwatamu, yakka sanyii qulqulleessuu fi duguuguu raawwatame. Yoo xiqqaate, mootummaan kun yakka namummaa irratti raawwatamu kan ulaagaa Kakuu Roomaa hunda guutu raawwatee jira jennee amanna (Keeyyata7(1) (a-k). 

  1. Mootummichi Oromummaa akka yaaddoo nagayaatti fudhata. Yakka dharaa oomishee WBO wajjiin walqabsiisee lammiilee Oromoo qulqulluu yakka ajjeechaa fi shoorarkeessitummaatiin faale ajjeesa. Nuhi, yakka ajjechaa (Keeyyata  7,1,a) hadheeffannee balaaleffanna, ufirraa mormanna. Sababiin isallee mirga namummaa Oromoo sarbuu bira dabree Oromummaa cubbuu taasisee jira.  
  2. ’’Ol’aantummaa seeraa tiiksina’’ golgaa jedhu jalatti humnoonni mootummaa yakka duguuggaa jumlaa (Keeyyata. 7, 1,b) ummata Oromoo irratti raawwatanii jiran. Waggoota sadeen dabran Labsa Yeroo hatattamaa maqaa komaand Postiin waamamu jalatti yakki ajjeechaa seeraan alaa, humnaan dubartii gudeeduu, qaama hirdhisuu fi gochaa suukaneessaan jumlaa ummata Oromiyaa Dhiya, Giddu-Galaa, Kaabaa fi Kibba Oromiyaa irratti raawwatameera. Humni qilleensa Itoophiyaa xiyyaara nama-maleessaan ibidda bombii ummata nagayaa irratti roobsaa baye. Meeshaa qabu hundumatti gargaaramee qe’ee fi qabeenna ummataa gubaa jira. 
  3. Sirnichi erga kooraa aangoo yaabbateen booda qabeennaa fi meeshaa sabaa-himaa (sabqunnamtiitti) fayyadamee ummata Oromootii fi sab-lammoota biyyaa walitti dire; qoqqoodee bita. Summii shakkii fi diiggaa facaasee ummatoota walitti dira. Waldiddaan saganteeffamee ummatoota giddutti habaqaalame ummatoota qe’ee fi qabeenna isaa irraa buqqisee hedduminaan baqachiise (Keeyyata. 7, 1,d). Gochaan ummata buqqisuu fi baqachiisuu kunilleen Itoophiyaa buqqaatii fi baqa biyya keessaatiin addunyaa irratti akka hiriira duraa irratti  argamtu godheera. 
  4. Mootummaan lammiilee kumoota kudhanootatti lakkaayaman seeraan alatti mana hidhaatti guuree mirga bilisaan lubbuun jiraachuu mulqee jira (Keeyyata.7,1,e). Manni hidhaa Itoophiyaa namoota balleessaa tokkoon malee yakkamanii hidhamaniin guutamee jira. Hogganoonni jaarmayoota morkattoota Oromootii fi lammiileen kuma heddutti lakkaawaman, sadarkaa guututti jechuun ni danyama, mana hidhaa xuraayaa, manneen hidhaa dhoksaa fi mooraa waraanatti guuramanii hiraarfamaa, guraaramaa jiru.  
  5. Mootummichi badee balleessuuf jecha seeraan alatti ukkaamsaa fi cunqursaa walirraa hin cinne gartuulee murtaayan addatti baasee jumlaan irratti raawwata. Itti fufiinsaanis yakkoota seera addunyaa keessatti dhoowaman geggeessa (Keeyyata. 7,1, h). Waggoota sadeen dabran mootummaan kun humnaan, ilaalcha jallinaa fi horii malaammaltummaa fi hannaan guurametti gargaaramee jaarmayoota Oromoo kanneen seeraan galmaayan, ABO fi KFO, dadhabsiisuu fi balleessuuf hara-galfii tokko malee hojjataa jira.  
  6. Siirnicha jalatti Oromiyaan gochaa farra-dhala namaatiif saaxilamte; gochaan sammuu Oromoo madeessuu fi qaama hirdhisuu itti yaadamee raawwatame (Keeyyata. 7, 1, k).

Yakki hammeennaa kan Oromiyaa galaana dhiigaa keessatti cuuphe hojjatame. Naannoon 

Oromiyaa dirree ilmaan Oromoo ciibsanii akka horiitti gorra’an, jiraa namaa gogaa irraa qalan, jiraa ibiddaan waadanii guban taate; reeffii ilmaan Oromoo kabajaan awwaalamuun hafee irbaata waraabessaatii fi dhiyana hallaatti taye. Qe’ee fi qabeenni Oromoo ibiddaan gubate. Oromiyaan dirree dhiigaa taate. 

(Keeyyata.7,1).                                                                                                                                                

Ummanni Oromoo ni tuffatame, ni salphifame, namummaan isaattuu irraa mulqame. Mootummaan kun midiyaa walabaa haqanqaalee dhuumfatee midiyaalee gocha isaa qeeqan hundumaa ukkaamsee, afaan sagalee walabaa cancalee, seenessa sanyii duguuggaa tamsaasuu aadaa godhate. Mootummichi gocha ukkaamsaa callaa irratti hin dhaabbanne. Seenaa Oromoo faallessuu, aadaa Oromoo balfuu, balfisiisuu fi maalummaa Oromummaa mancaasuu hujii dhaabbataa guyyuu taasifate. Mootummaan kun hundumaa caalaa saganteeffatee fi imaammatee ummata nagayaa fixaa jira. 

Yeroo ammaa tana WBOn duula sanyii duguuggaa kan mootummaan gara-jabeessii kun ummata keenna irratti raawwataa jiru kophaa isaa qolachuu fi maseensuu irratti argama. Jecha biraatiin hennaa ammaa tana WBOn yakka mirga dhala-namoomaatii fi sanyii qulqulleessaa fashalsiisuu qofaa irratti hin ugguramne; mootummaa lubbuu ilmoo namaatiif dantaa takkallee hin qabnee fi aadaa kufaa jilbiiffattummaa kan mootummaan kun hawaasa keessatti habaqaalaa jiru murannoon dura dhaabbachaa jira. WBOn shoorarkaa fi gocha hammeenyaa kan mootummaan kun ummata keennarratti geggeessaa jiru ufirraa faccisuuf seexaa fi itti gaafatamummaa seera-qabeessa qabaatullee hundumaa caalaa aaga-nagayaaf dursa kan kennu ta’uu akka hubatamu barbaada. 

5.     Lola Barbadeessaa irraa Nagaaf Hiree Kennuu 

WBOn rakkoo xaxaa siyaasaa Itoophiyaa hundeen furuu fi nagaya waaraa argamsiisuuf falli tokkichi jiru marii bal’aa humnootaa siyaasaa hundumaa hammatuu fi hirmaachisu geggeessuu qofaa irraa madda jedhee amana.  Mootummaan Itoophiyaa adeemsa marii fi nagaya hundumaa hammatu geggeessuu fi hogganuuf seera-qabeessummaa fi amanamummaa humnoota siyaasaa hin qabu jennee amanna. Mariin siyaasaa biyyoolessaa fakkeessaaf mootummichi bixxiile osoo hin dhalatin du’ee jira. Marii biyyoolessaa dhugaattii fi haqa-qabeessa tooyannoo humnoota hinbaabsine idil-addunyaa jalatti geggeefamuu qaba jenna. Kunis sababiilee jajjaboo asii gadii irratti hundaaya: 

  1. WBOn deggersa wayyaba ol’aanaa ummata Oromoo qaba. Haa ta’u malee, namoonni dhuunfaa bicuun sadarkaa adda addaatti mootummaa kana wajjiin hojjatan ni jiru. Dirree siyaasaa finxaalome akkanaa keessatti biyya keessaa qaama walabaa riqicha gara nagaatti nama geessu argachuun waan danda’amuu miti. 
  2. Hasawaan hiika qabu ogummaa, loojistikaa fi dandeettii ol’aanaa gaafata. Ajajootni fi jilli

WBO fi bakka bu’an bifa nageenya isaanii rakkoo keessa hin galchineen dirree lolaa keessaa baahuu fi seenuu dandawuu qaban. Wabiin nagummaa jilaatii fi loojistika abdachiisaa fi amansiisaa humnoota idil-addunyaa irraa argama.  

Kanaafuu, adeemsi rakkoo walwaraansa Itoophiyaa bu’uraan furuu dandeessisu ol’aantummaa fi tooyannoo humnoota idil-addunyaa jalatti geggeeffamuu qaba. Rakkoo mudate fayyisuu fi falaan falii waaraa siyaasaa argamsiisuuf shoorri humnoota idil-addunyaa murteessaa dha.

Adeemsa kana dhuga’oomsuu fi milkeessuuf WBOn humnoota siyaasaa fi idil-addunyaa hundumaa wajjiin hojjachuuf qophiidha. 

Mootummaan karaa isaatiin, nageenni waaraan Itoophiyatti akka deebi’u fedhii fi qophii qabu  yoo agarsiisuu barbaade tarkaanfii amantaa walirratti horachuu fi nagaya bakkatti deebisuu fudhachuun qooda isaa armaan gadii bayuu qaba.  

5.1  Tarkaanfii Amantaa Walirratti Horachuu (CBMs-TAWH) 

  1. Ummata sababii walwaraansaattii fi beelaa-hoongeen midhame daddaffiin dhaqabuuf  mootummaan balbala gargaarsa mirga dhala-namoomaa Oromiyaa keessaan saaquu qaba. 
  2. Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hiikkamuu qabu, keessattuu kanneen WBO deggertani jedhamanii yakka tokko malee mana hidhaattii fi mooraa waraanaatti ukkaamfamanii hiraarfamaa jiran daldaltoonni, barattoonni, hogganoonni hawaasaa kkf hiikkamuu qabu.  
  3. WBO deggertan jechuun ukkaamsaan gar-jabeenyaan Paartiwwanii fi hogganoota morkattoota siyaasaa Oromoo irratti geggeefamu dhaabbachuu qaba; waajjiraleen cubbuun saamsamanii fi cufaman banamuu qaban. 
  4. Afaan Oromoo afaan hujii mootummaa federaalaa gochuun akka dandayamu tarkaanfiin qabatamaan fudhatamuu qaba. Kabajaa fi gulantaa Afaan Oromoo sirna barmoota Oromiyaa keessatti qabu cicciruu fi diiguuf labsi ministera barnoota federaalaatiin lallabame dachaafamuu qaba.  
  5. Finfinneen qaamaa fi han’uura Oromiyaa tawuu isiitiif beekkumtii kennuuuf walii galuu qaba. Mirgi jiraattonni magaalichaa kan siyaasaa, diinaggee fi qabeenna horachuu irratti qaban akkuma jirutti ta’ee, magaalichi magaalaa muummicha idil-addunyaa tawuunis hubatamee, mootummaan mirga abbummaa Finfinnee kan Oromoo ta’uu beekkumtii kennuuf murannoo agarsiisuun irraa eeggama. 
  6. Hanni lafa Oromoo dhaabbachuu qaba. Qondaalotni PP hanna lafa Oromoo hammeessanii itti fufanii jiran. ‘’Cittoo irratti fanxoo’’ akka jedhan san maqaa amantiittii fi daldalaatiin  murnoonni qabeenya Oromoo mancaasuu amaleeffatan, ‘’nu abbootii’’ Finfinneeti ufiin jedhan lafa Oromoo qircataa jiran. Mootummaan hujii hannaatii fi malaammaltummaa kana hatattamaan dhaabuu qaba. Gocha hannaatii fi roorristummaa kana cal’isanii laaluun dirqama ufii bayachuu hanqachuu muldhisa. 

5.2  Tarkaanfii Nagaya Bakkatti Deebisuu (SBMs-TNBD)

  1. Maqaa ‘’Shanee’’ jedhu akka bulguutti dhiyeessuun ummata fixuu fi lammiilee nagayaa ajjeesuun daangaa dabree jira. Mootummmaan ajjeechaa gaara tuqe kana dhaabuu qaba. Keessattuu, mootummaan sodaa shoorarkeessitummaa hin jirree tolchee ummata nagayaa jumlaan fixuu dhiisuu qaba. 
  2. Kabajaa fi mirgi luubbun jiraachuu, bilisummaa fi qabeenna horachuu lammiilee Oromoo hin sarbamu; hin shasharafamu. Mootummaan mirga kana kabajuun dirqama isaati. Gochi mirga dhala-namooma Oromoo mulqu akka dhaabbatu gaafatna; keessattuu hidhaan seeraan alaa, murtiin seer-maleessi, sakkata’aan seera-dhableessaa fi murtii dhaddacha heeraa cabsuun kennamu iggitii argatuu qaba. Manni murtii Federaalaa hennaa adda addaa namoota yakka tokko malee hidhamaan bilisaan gadi-dhiisuun ni yaadatama. Garuu hanga har’aatti Oromootiin kumootatti lakkaawaman seeraan alatti mana hidhaa keessatti guraaramaa jiran. Mootummaan hatattamaan hidhamtoota siyaasaa Oromoo hiikuu qaba.  
  3. Duulli waraanaa Oromiyaa irraa dhaabbatuu qaba. Raayyaa ittisa biyyaatii fi humni nageenyaa mooraa qubsumaatti dachaafamuu qaba. Oromiyaa naannoo adda addaatitti nagaya buusuun akka dandayamu Polisiin Oromiyaa fi  WBOn wal hubannaan nagayaa ummataa tiksuuu qabu.
  4. Gochi fokkataa seera-dhabeessi fi seexa-maleessi Oromiyaa Ajaja Waraanaatiin /Command Post/ bulchuu raawwatuu qaba. Ajaja Waraanaatiin akeeka yaadameef argamsiisuu hin dandeenne, mootummaa seera-qabeessa tolchuu irrattis bu’aan inni buuse hin jiru.

Atattamaan dhaabbachuu qaba. 

6.     Nageenyaa fi Sabatinsa Naannoo Gaanfa Afrikaa

Sabatinsii fi nageenyi Gaanfa Afrikaa bututaa dha. Ummanni biyyaatii fi ummanni adduynaa mootummaa Somaalee deebisanii olqabuuf tattaaffii walirraa hin citne godhanis mootummaa waaltaa ijaaruu hin dandeenne. Sudaanilleen cehuumsa walxaxaa keessa seentee gara itti deemtu wallaaltee tirtraa jirti. Sudaan Kibbaa jeequmsa walwarsaansa walabummaa boodaa irraa bayyanattee lafaa ka’uuf carraaqaa jirti. 

Haalli qabatamaan akka muldhisutti Itoophiyaan mootummaa kuftuu taatee jirti. Itoophiyaan duraan wabii nageennaa fi fakkeenya misoomina shaffisaa taatee ilaalatmtu, har’a Gaanfa Afrikaa irratti gufuu nageennaa fi tasgabbiitti jijjiiramaa jirti. Horii fi qabeenni waraana barbadeessaa hirphuu fi aangoo mootummaa jiraachisuuf dhangalaafamu dinaggee biyyaa burkuteessaa jira. Guddinni qabeenna namaatii fi leeccelloo quucaraa jira. Haala amma keessa jirtu kanaan yoo itti fufte kufaatiin mootummaa akka mudatuu fi balaan kufaatii kana hordofee dhufu galaana Guddicha Mediterranean qaxxaamuree akka qarqara Awuroophaa dhaqabu shakkiin hin jiru.   

Ummanni Oromoo Gaanfa Afrikaa irratti saba guddaa dha. Oromiyaan guddina ummataatiin, teessuma lafaatii fi qabeenna diinaggeetiin handhuura Itoophiyaati. Ummanni Oromoo hedduminaan Kenyaa, Somaaliyaa fi Djiboutii keessallee ni jiraata. Nageenyaa fi tasgabbiin Itoophiyaa, nageennaa fi tasgabbii Oromiyaatiin alatti jiraachuu hin dandawu. Rakkoon Oromiyaa keessa jiru furmaata argachuun nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaatiif murteessaadha. ABO-WBOn qabeenna dilbii humna namaatii fi diinaggee kana sirnaan ijaaruun nagaya waaraa fi tasgabbii abdachiisaa Gololee Galaana Diimaa keessatti buusuuf ifaajjaa jira. Dabalataanis Maanyaa Galaana Diimaa tasgabbeessuu fi xurree abdachiisaa daldala addunyaa taasisuuf jecha ABO-WBOn humnoota tarkaanfattoo fi Federaalaa wajjiin gamtaa uumee hojjataa jira.  

Naannawa Galaana Diimaa keessatti nagaya buusuuf gumaachaa jira.

Rakkoon guddaan nagaya Gaanfa Afrikaa booressaa jiru ummanni harka caalu galaana hiyyummaa keessatti cuuphamuu isaati. ABO-WBOn humnoota tarkaanfattoo fi Federaalaa wajjiin gamtaa uumee gaafii haqa-qabeessa ummattoonni Itoophiyaa ufiin uf-bulchuuf dhiyeessan xumura waaraa itti gochuuf gamtaan hojjataa jira.  Maamillan gamtaa kanaa wajjiin harka wal qabannee sirna siyaas-diinaggee barmoota, teknolojii fi waa-kalaqa ammayyaa irratti bu’urrefamu ijaaruuf saganteeffannee hojjataa jirra. Sirna siyaas-diinaggee hannaa fi malaammaltummaa irraa birmadoomsuun madda shoorarkeessitummaa, baqattummaa seeramaleessaa fi daldala ilmoo namaa akka goggoy’sinu amanna. 

Haala diinaggee naannawaa fooyessuuf hujiin guddaan fuulduraaf nu eeggata. Dura dursoo, ol’aantummaan seeraa naannayicha keessatti kabajamuu irra jira. Lammeessoo, mirgi qabeenya dhuunfaa eeggamuu qaba. Sadeessoo, haalli daldala walmorkattummaa keessummeessu mijeeffamuu qaba. Afreessoo, kufaatiin bittaa-gurgurtaa keessatti dhalatuu hanqisuuf imaammata diinaggee qamashanii hujii irra oolchuu feesisa, hujii kana keessatti ammoo mootummaan shora madaawaa taphachuu qaba. Guddinna namaatii fi misooma diinaggee naannawaa sanaa fi addunyaa irratti dagaagsuuf qabxiileen armaa olitti tuttuqaman akka bu’uraatti dhimma baasan jennee amanna. 

7.     Galmi Keenna Nagayaa fi Haqa

Nagaya waaraa milkeessuu fi fullaasuu keessatti warri walwaraansa keessaa qooda qaban fedhii siyaasaa nagayaaf qaban ibsachuun haal-duree duraati. Kunis haala jijjiiramaa deemu keessatti nagaya abdachiisaa buusuu fi ijaaruu keessatti qooda ol’aanaa gumaacha. Fedha siyaasaa jechuun ammo dandeettii raawwii ufiitti amanuu jechuu dha. Mootummaan aangoo irra jiru nagummaa ummataa booressuu irraa uf-qusatee fooyyessuuf hojjechuutu irraa eeggama.  Hujiin fokkataa kan hanga ammaatti mootummaan kun godhaa jiru ajandaa siyaasaa dhiphaa hujii irra oolfachuu kan akeekkate tawuu muldhisa. Ammallee tarkaanfii walirratti amantaa horachuu (CBM-TWAH) fudhatee adeemsa jallinnaa qajeechuuf carraa qaba. Hujii waraanaa keessatti akeeka dhoksaa tarkaanfachiisuu irraa uf-qusatee tarkaanfii walirratti amantaa horachuu jabeessuu fi nagaya waaraa fullaasu fudhachuu qaba. 

Kanaan waliin wal qabatee, mootummaan tarkaanfii fokkuu nagaya ummataa booressu irraa ufqusatee balaa fi hammeenna suukaneessaa ummata Oromoo irratti golgoleesse hambisuuf ammallee carraa qaba. Fakkeennaaf xayyaara nama-maleessaan (Drone) jumlaan ummata nagayaa gubuun bu’aa waraanaa kamiiyyuu argamsiisuu hin dandawu. Faallaa kanaatiin, tarkaanfii walirratti amantaa horachuu fudhatee adeemsaa nagaya waaraatti ceesisu shaffisiisuu ni dandiya. Tarkaanfiin kunis yeroo dheertuu keessa nagaya waarsuuf fi hariiroo walgargaarsaatti ceesisuuf gumaacha. WBOn karaa isaatiin tarkaanfii ijaaraa jalaa awwaachuu fi simachuuf qophiidha.  Faallaa kanaatiin yoo mootummaan kun karaa badii kana irratti cichuu filate, WBOn kaayoo ummata Oromoo balaa irraa dandamachiisuu fi ittisuuf qabsoo isaa itti fufa.  

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Amajjii 2023 

Exit mobile version