Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 godina Arsii bahaa aanaa Abboomsaa keessaa sirnicha ganuun WBOtti harka kennatan   

ONM-ABO Bitootessa 3, 2023

Dhaabbanni waraanaa bilxiginnaan aangoo kiyya naaf eeguun mootii ta’ee akkan itti fufuuf na gargaaru jedhee maallaqa guddaa itti baasuun hojjechaa jiru, guyyaadhaa gara guyyaatti waraanni isaanii keessaa baduun diigamaa jira.

Dheengadda Bitootessa 1, 2023 godina Arsii bahaa mooraa waraana bilxiginnaa aanaa Abboomsaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 sirna faashistii PP ganuun WBOtti harka kennatan.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii dhalootaan Oromoo ta’an qawwee AKM 3 hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.

Ilmaan Oromoo kun goyomsaan qawwee diinaa baatanii saba isaanii irratti yakka dalagaa turaniif dhiifama gaafachuun, miseensota waraana bilxiginnaa sabaan Oromoon ta’aan ammayyuu bilxiginnaaf qawwee baachaa jiran, sirnicha ganuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBOtti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.

Exit mobile version