Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni maafiyaa PP namoota shan rasaasan rukuchuun, afur  du’uun tokko yoo madaa’u, Gujii Lixaa keessatti nama ajjeesan

ONM-ABO Bitootessa 13, 2023 Humni kufaatiif qarree dhumaa irra ga’ee jiru bilxiginnaan waraana isaa dirqama jechuun bobbaaseen  uummata  siyaasa kam keessaa hin qabne irratti dhukaasuun lubbuu obbaasaa fi madeessaa jira.

Bitootessa 12, 2023 aanaa Mana Sibuu ganda Haroo Gumbii keessattii ganama irraa eegaluun tarkaanfii laaleessaa waraanni bilisummaa Oromoo humna diinaa irrattii fudhatee, humna ishee du’aa fi madoon adabetti rifachuun namoota nagaa afur erga lolli xumureen booda ajjeesuun nama tokko madeessaniiru.

Maqaan namoota lubbuun isaanii rasasaan darbee Qajeelaa Namarraa, Fiqiruu Hambisaa, Jaallataa Imaanaa fi Gammachuu Xibabuu kanneen jedhan yoo ta’u namni mada’e ammoo maqaan nu ga’in jira.

Waraana waanta bobba’eef irratti milkaa’ina dhabuun  uummata nagaa ajjeesaa jiru kana waraana bilisummaa Oromoo jabeessuun hidda isaanii cirree nagaa waaraa fiduu tokkummaan hojjechuu qabna jechuun jiraattotni aanaa Mana Sibuu dubbatan.

Oduma wal fakkaatuun godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Qorrobboo keessatti dargaggoo Oshokkoo Bittamaa jedhamu Jimàata darbe Bitootessa 10, 2023 rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ilmaan Oromoo 2 waraana bilxiginnaan magaalaa Asoosaa keessaa butamuun achi buutee dhabamsiifaman.

ONM-ABO Bitootessa 13, 2023 Impaayerattii keessatti ilmaan Oromoo erga mirga lubbuun jiraachuu sarbamanii bubbuleera.

Sirna bilxiginnaa jalatti reebicha, hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi godaansifamuu qofa hireen ilmaan Oromoo, har’as Oromiyaa keessa qofa osoo hin taane Oromiyaan alattis dararaa irra ga’u jabaadha.

Akka kanaanis mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessatti ilmaan Oromoo lama maqaan isaanii Abeenii Roobee fi Almaadii Abbaa Kononeerii jedhaman jireenya dhuunfaa isaanii irraa qabuun achi buutuu dhabamsiisanii akka jiran maatii fi hiriyootni isaanii dubbatu.

Murni lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa rasaasaan harcaasaa fi adda waraanaatti erguun ajjeesisaa oolu, gocha badii isaa itti fufuun bakkayyuu ilmaan Oromoo hidhaa, saamaa fi achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu ragaan godinaalee Oromiyaa irraa nu qaqqabu ni addeessa.

Exit mobile version