ONM-ABO Amajjii 20, 2024
Lixa Oromiyaa aanaa Mana Sibuu keessatti guyyaa dheengaddaa Amajjii 18, 2024 waraanni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa namoota nagaa afur yakka tokko malee kan ajjeesan yoo ta’u, ganda Oborraa bakka addaa Goobanii jedhamu keessatti nama Dabaloo Koorsaa jedhamuu fi ganda Dangii keessatti ammoo Jibbaa Margaa Ashanaa nama jedhamu rasaasaan rukutanii ajjeesuu maddeen himan.
Namootni ajjeefaman kunneen namoota nagaa dhalattoota naannoo sanaa yoo ta’aan, ammaan dura yakka ulfaataa sadarkaa Ajjeechaa lubbuutiin isaan adabsiisu raawwatanii kan hin qabnee fi hireen ilmaan Oromoo hedduun isaan mudachuun Hidhattoota PP naasuu fi gara laafina ilma namaaf hin qabneen ajjeefamuu kan dubbatan maddeen, maqaan namoota lamaas hanga oduun Kun qindaa’etti adda hin ba’in jiraachuu beeksisan.
Aanaa kana keessatti humni waraana PP guddaan ramadamuun gandoota baadiyyaa aanichaa cufa keessa bobbaafamanii kan jiran yoo ta’u, sochii gandoota kanneen keessatti taasisaa jiraniin ammoo uummata nagaatti copha ta’uun guyyaa irraa gara guyyaatti dhiiga ilmaan Oromoo lolaasaa, manneen jireenyaa hedduu gubanii balleessuun, qabeenya socho’aa ammoo horii dabalatee gara mooraa isaaniitti guurrachuun rakkoo hawaas-dinagdee ulfaataa geessisaa jiraachuu maddeen ONM aanichaa gabaasaniiru.

