ONM-ABO Mudde 1, 2023
Rakkoo siyaasa impaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf sababni angafaa bulchitoota sirnichaa ta’uun ifoomee yeroo jiru kanatti, akka waan uummatni yakkaa fi jeequmsa kaasaniitti namoota nagaa xurii dharaan yakkuun ajjeechaa maayii hin baasneen namoota nagaa waraana isaa itti bobbaasuun Koloneel Abiy Ayimad galaafachaa jira.
Akkuma kanaan Roobii darbe Sadaasa 29, 2023 godina lixa wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Gombii keessatti namoota Sadii kan maqaan isaanii Isiyaaq Taammanee, Abdii Horataa fi Abdii jedhaman ganda Qoqoraa irraa ka’uun gara ganda Gombiitti firoottan isaanii keessaa namni duunaan sirna awwaalchaa raawwachuu deemuun osoo gara qe’eetti galaa jiranii Waraana faashistii PPn karaatti dhukaasa isaan mudateen dargaggoo Isiyaaq Taammanee yoo ajjeefamu, Abdii Horataa fi Abdiin ammoo madoo jabaan irraa hafuu dubbatu.
Namootni lamaan mada’aan kunneen yeroo ammaa yaala dhabuun haallii lubbuun irraa hafuu isaanii hedduu kan nama yaachisuudha jechuun kan himan maddeen, dhalootni dargaggoota kana sadanii ganda Qoqoraa gabaa jimaatee ta’us dabaluun maddeen himaniiru.

