ONM-ABO Ebla 22, 2024
Yeroo ammaa waraana impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiru da’oo godhachuun, lola iddoowwan adda addaatti WBO’n waraana maafi’aa PP irratti tarkaanfii jabaa fudhachaa jirutti waraanni sirnichaa baaraaguun namoota nagaa ajjeesuu jabeessanii jiru.
Bifuma kanaanis Ebla 19, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qeelaa Daabbus jedhamutti lola WBO’n humna bilxiginnaa irratti fudhatee du’aaf madoon adabeen, loltoonni sirnichaa aarii tarkaanfii kanaa namoota nagaa lama ajjeesuun beekameera.
Namoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii Jireenyaa fi Bultii kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota baay’inni isaanii 25 ol ta’anis waraanni sirna bilxiginnaa qabuun bulchiinsa magaalaa Beengu’aatti akka geessanis beekameera.
Hawaasni onichaas ajjeechaa namoota nagaa irratti adeemaa jiru qaamni walabaa fi dhaabanni mirga namoomaa qorachuu qaba jechuun yaada isaanii ONM’f himaniiru.

