ONM-ABO Ebla 24, 2024
Miidhaa impaayerri Itoophiyaa ilmaan Oromoo irratti taasisaa jiru saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi gaaga’ama jireenyaa saba Oromoo irratti murni bilxiginnaa gochaa jiru hubachuun mooraa sirnichaa gananii gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamuu jabeessanii jiru.
Akkuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu irraa Ebla 22, 2024 miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama meeshaa guutuun gooticha waraana bilisummaa Oromoo onicha keessa socho’uutti dabalamaniiru.
Gama meeshaatiinis rasaasa 160, gumbii 4 fi qawwee AKM Turkii 2 mooraa sirnichaa keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Shiraa fi dhiibbaa siyaasaa sirni bilxiginnaa gochaa jiru saba Oromoo kufaatiitti geessaa jiraachuu hubachuun baane kan jedhan loltoonni kunneen obbolota isaanii mooraa gabroomsaa PP keessatti hafaniinis yeroon itti qaanii gabrummaa jalaa saba keenya baafnu amma waan ta’eef dammaqaa WBO waliin hiriiruun saba keessaniif da’oo ta’aa jechuunis dhaamsa dabarsaniiru

