Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo keessatti waraanni maafi’aa bilxiginnaa caasaa kiyya ta’uu didde jechuun namoota hidhuu itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 20, 2023

Ilmaan Oromoo hidhuu fi daraaruu akka tooftaa waraana fi tasgabbii bulchinsaa isaatti kan itti fayyadamu bilxiginnaan, godina Baha Wallaggaa keessaatti dararaa fi hidhaa kan duraa caalaati jabeessee jira.

Bitooteessaa 18, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Waama Hagaalo ganda Gossaanii Baabbootii maanguddoo ganna 46 ol obbo Taammiruu Qaanaanii maatii isaa waliin guutummaa guutuuti qabuun hidhaan.

Obbo Taammiruu Qananii bulchinsa gandaa Gossaanii Baabbootti kabinoonni murna bilxiginnaa dura taa’aa godhanii yeroo mudaanitti, caasaa murna bilxiginnaa kanatti ijaaramuu waan dideef, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun sobaan yakkanii maatii isaa waliin mana hidhaatti daraara akka jiran jiraattotni Arraata biyyoolessaa oromiyaati himaniiru.

Exit mobile version